LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 11/07 ful. 4
  • Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Geggeessuu Hin Sodaatinaa!

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Geggeessuu Hin Sodaatinaa!
  • Tajaajila Mootummaa—2007
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Fakkeenya Raajotaa Fudhadhaa—Amos
    Tajaajila Mootummaa—2013
  • Of Hin Daangessinaa—Yommuu Hojiin Isinitti Baayʼatu
    Tajaajila Mootummaa—2012
  • Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu Guddina Argisiisan Geggeessuu
    Tajaajila Mootummaa—2004
  • Barsiifata Qoʼannaa Keessan Guddifadhaa!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
Tajaajila Mootummaa—2007
km 11/07 ful. 4

Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Geggeessuu Hin Sodaatinaa!

1 Namoota naannoo tajaajilaa keenya keessa jiranitti waa’ee misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo himuurratti dammaqinaan hirmaachuudhaan “wanta gaarii” ni goona. (Fak. 3:27) Ergaa gammachiisaa bulchiinsa Waaqayyoo jalatti gara fuulduraatti dhufu namootatti himuu wanti caalu hin jiru. Karaa idilee ykn alidilee ta’een barreeffamoota raabsuudhaan abdii mootummichaa lallabduyyuu, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu kan hin qabne yoo taate, qayyabannaa argachuuf maaliif galma hin baafatu?

2 Yeroo tokko tokko, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuuf gufuu cimaa kan nutti ta’u, dhimma kana ilaalchisee miira nutti dhaga’amudha. Obboloonni tokko tokko sababa miirri ofitti amantaa dhabuu isaanitti dhaga’amuun ykn yeroo mara hojiidhaan waan muddamaniif qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuu ni sodaatu. Yaadawwan armaan gad jiran qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuu akka hin sodaanneef si gargaaruu danda’u.—Mat. 28:19; HoE. 20:20.

3 Ofitti Amantaa Dhabuu: Tarii sadarkaan barumsakee gadaanaa waan ta’eef ykn sababa biraa tokko tokkoon kan ka’e qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuuf ofitti amantaa akka hin godhanne sitti dhaga’amuu danda’a. Kiristiyaanonni jaarraa tokkoffaatti turaniifi tajaajiltoota bu’a qabeessa ta’an, namoota hin ‘baranne’ turan. Waa’ee dhugaa warra kaan barsiisuu akka danda’aniif kan isaan gargaare maalidha? “Yesusii wajjin” turuusaaniitu isaan gargaare. (HoE. 4:13) Yesus Barsiisaa Guddicha isa akkaataa inni itti barsiisu Caaffata Qulqullaa’oo keessatti barreeffamee jirurraa baratanii turan. Sadarkaan barumsakee gadaanaa ta’ullee, barumsa hafuuraa waa’ee Waaqayyoofi kaayyoosaa isa barumsi biyya lafaa kamiyyuu isaan hin qixxaanne argachuu ni dandeessa.—Isa. 50:4; 2 Qor. 3:5.

4 Yihowaan al tokko tokko, mootota ykn namoota aangoo guddaarra jiraniifi dogoggora hojjetan qajeelchuuf raajotatti fayyadamaa tureera. Isaan keessaa tokko nama haalli jireenyasaa gadaanaa ta’e Amosidha. Amos, “Ani horii nan horsiisa, harbuus dhaabee nan guddisa malee, hojiin koo raajii dubbachuu miti, sanyiin koos raajii hin dubbanne” jedhee dubbatee ture. (Amo. 7:14) Ta’us, Amos firdii Yihowaan Amaasiyaa isa luba waaqeffannaa jibichaa ta’e ilaalchisee dubbate itti himuu hin sodaanne. (Amo. 7:16, 17) Yeroo hundumaa hojii Waaqayyo akka raawwannu nu ajaje hojjechaa jiraachuu keenya, akkasumas hojii kanaaf ga’umsa akka qabaannu akka inni nu gargaaru yaadachuu qabna.—2 Xim. 3:17.

5 Hojiidhaan Muddamuu: Yeroo mara hojiin kan si muddu ta’ullee, utuu walirraa hin kutin tajaajilarratti hirmaachuuf sagantaa baafachuunkee hin oolu. Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuun gammachuu guddaa tajaajilarraa argaman keessaa isa tokkodha. Dubbiin Yihowaa akkaataa jireenya namootaa yeroo jijjiiru arguun mirga addaati. (Ibr. 4:12) Fedhii keenya aarsaa gochuudhaan, tokkoon tokkoon namootaa ‘dhugaa beekuu bira akka ga’aniif’ gargaarsi nuyi isaanii goonu Yihowaa ni gammachiisa. (1 Xim. 2:4) Ergamoonnillee, cubbamaan tokko yaada garaasaa geddaratee, karaa hafuuraa guddina argisiisaa yeroo adeemu ni gammadu.—Luq. 15:10.

6 “Waaqayyo, namni hundinuu akka fayyu, dhugaa beekuu biras akka ga’u in fedha.” (1 Xim. 2:4) Fedha Waaqayyoo wajjin haala walsimuun hojjechuuf ga’ee qabaachuudhaan, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuu sodaachuu dhiisuun mirga addaa akkamiiti!

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

1. Karaan itti “wanta gaarii” gochuu dandeenyu kami?

2. Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuu akka sodaannu kan nu taasisu maal ta’uu danda’a?

3. Macaafa Qulqulluu barsiisuuf ga’umsa qabaachuu kan dandeenye maaliifi?

4. Fakkeenya Amosirraa maal baranna?

5. Hojiidhaan muddamnullee, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuuf carraaqqii gochuu kan qabnu maaliifi?

6. Fedha Waaqayyoo raawwachuudhaaf mirga addaa akkamii qabna?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi