Fakkeenya Raajotaa Fudhadhaa—Amos
1. Fakkeenyi Amos madda jajjabinaa nuu ta’uu kan danda’u akkamitti?
1 Barumsa ga’aa waan hin qabneef ykn maatii galii xinnoo qabu keessatti waan guddatteef, lallabuurratti ga’umsa akka hin qabne sitti dhaga’amee beekaa taanaan, fakkeenya Amos hordofuudhaan ija jabina argachuu ni dandeessa. Amos tiksee hoolaafi darbee darbee hojii qonnaa hojjechaa kan ture ta’us, Yihowaan ergaa ulfaataa ta’e lallabuu akka danda’uuf humna isaa kenneera. (Amo. 1:1; 7:14, 15) Haaluma wal fakkaatuun, bara keenyattis Yihowaan namoota gad of deebisaniifi iddoo guddaa hin qabnetti fayyadama. (1 Qor. 1:27-29) Amos raajicharraa barumsa tajaajila keenyarratti nu gargaaru akkamii arganna?
2. Tajaajilarratti mormiin yommuu nu mudatu jabaannee dhaabachuu kan dandeenyu maaliifi?
2 Yeroo Mormiin Jiraatutti Jabaatanii Dhaabachuu: Amaasiyaa inni mootummaa gosoota Israa’el kurnanii keessatti luba waaqeffannaa jibichaa ta’e, raajii Amos dubbatu ennaa dhaga’etti aariidhaan, ‘Deemi asii! Nu dhiisi! Nuti amantii mataa keenyaa qabna!’ jechuu wajjin deebii wal fakkaatu kenneefii ture. (Amo. 7:12, 13) Amaasiyaan, Yerobi’aam Mooticha bira dhaqee hojiin Amos akka dhorkamu yeroo gaafatu, wanta raajichi dubbate jal’isee dhiheesseera.. (Amo. 7:7-11) Amos garuu sodaachuudhaan duubatti hin jenne. Yeroo har’aas, geggeessitoonni amantii tokko tokko saba Yihowaa miidhuuf deggersa siyaasaa argachuuf carraaqqii godhu. Haata’u malee, Yihowaan mi’i waraanaa nu balleessuudhaaf qopheeffamu kamiyyuu milkaa’ina akka hin arganne nuuf mirkaneesseera.—Isa. 54:17.
3. Ergaan nuti lallabnu bifawwan lamaan kam of keessaa qaba?
3 Firdii Yihowaafi Eebba Gara Fuulduraa Labsuu: Amos mootummaa gosoota Israa’el kurnaniirratti raajii firdii kan dubbate ta’us, macaafa maqaasaa qabate kana kan xumure Yihowaan waaqeffannaa dhugaa deebisee akka ijaaruufi eebba danuu akka argamsiisu dubbachuudhaan ture. (Amo. 9:13-15) Nutis waa’ee “guyyaa firdii” Waaqayyoo isa dhufaa jiruu kan dubbannu ta’us, kun kutaa misiraachoo Mootummichaa lallabuu qabnu keessaa isa tokko qofadha. (2 Phe. 3:7; Mat. 24:14) Yihowaan Armaagedoonitti hamoota balleessuunsaa lafti jannata akka taatu karaa bana.—Far. 37:34.
4. Fedha Yihowaa raawwachuu akka dandeenyu kan nuu mirkaneessu maalidha?
4 Biyya lafaa mormitoonni hedduun keessa jiran keessatti ergaa Mootummichaa labsuun, waadaa murtoo goonee wajjin walsimnee jiraachuufi fedha Yihowaa raawwachuuf galle nu jalaa qoruu danda’a. (Yoh. 15:19) Ta’us, Yihowaan akkuma Amosiif godhe, fedhasaa raawwachuu akka dandeenyuuf wanta nu barbaachisu akka nuu guutu hin shakkinu.—2 Qor. 3:5.