Sagantaa Torban Fulbaana 16 Jalqabu
TORBAN FULBAANA 16 JALQABU
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
cl boq. 12, key. 1-6 (Daq. 30)
□ Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii:
Dubbisa M.Q.: 2 Qor. 1-7 (Daq.10)
Lakk. 1: 2 Qor. 1:15–2:11 (Daq. 4 ykn isaa gad)
Lakk. 2: Du’aa Ni Kaana!—lr boq. 35 (Daq. 5)
Lakk. 3: Namni Tokko Maqaa Waaqayyotti Amanachuuf Maal Gochuu Qaba?—Sef. 3:12, hiika bara 1899 (Daq. 5)
□ Walga’ii Tajaajilaa:
Daq. 10: Dargaggootaa—Jireenya Keessaniin Maal Gochuuf Yaaddaniittu?—Kutaa 2. Tiraaktii Dargaggoota jedhamu keeyyata 10 hanga dhumaarratti hundaa’ee haasaadhaan kan dhihaatu. Nama dargaggummaasaatti tajaajila yeroo guutuu keessa ture tokkoof gaafannoo godhi. Murtoo akkasii gochuuf kan isa kakaase maalidha? Akkas gochuusaatiin eebbawwan akkamii argate?
Daq. 10: Kophaakee Yommuu Tajaajiltu. Mareedhaan kan dhihaatu. (1) Kophaa keenya yommuu lallabnutti, gammachuu argachuuf kan nu gargaaru maalidha? (2) Kophaa keenya deddeebii gaaffii yommuu goonu, of eeggannoo akkamii gochuu qabna? (3) Guyyaa walga’iin tajaajila dirree hin jirretti tajaajila ba’uu yoo barbaanne, obboloonni gumii keessa jiran kaan akka nuu wajjin ba’an jajjabeessuu kan dandeenyu akkamitti? (4) Bakkiifi yeroonsaa mijataa yoo ta’e, kophaa tajaajiluu filachuun keenya faayidaa akkamii qaba?
Daq. 10: “Yeroo Har’aa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufa’i?” Gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu. Akkaataa birooshurri kun itti qopheeffameefi bifawwan akkamii akka qabu gabaabsii ibsi.—Tajaajila Mootummaa Bitootessa 2013 fuula 5 ilaali.