LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w24 Sadaasa ful. 31
  • Dhaabbataadhaan Qoʼachuuf Maaltu Si Gargaara?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dhaabbataadhaan Qoʼachuuf Maaltu Si Gargaara?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Qayyabannaa Maatii Gochuuf—Sagantaa Maatii Qabaadhaa
    Tajaajila Mootummaa—2005
  • Of Hin Daangessinaa—Yommuu Hojiin Isinitti Baayʼatu
    Tajaajila Mootummaa—2012
  • Sagantaa Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Namoota Hundaaf
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Barsiifata Qoʼannaa Keessan Guddifadhaa!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
w24 Sadaasa ful. 31
Obboleettiin tokko qoʼannaa dhuunfaa ishiirratti laaptooppii, Kitaaba Qulqulluu fi kitaaba yaadannootti fayyadamaa jirti. “Hiika Addunyaa Haaraa” irraa chaartii, “Mootummoota Addunyaa Daaniʼel Raajiidhaan Dubbate” jedhuu fi Kutaa Dabalataa B9 irratti argamutti fayyadamaa jirti.

Dhaabbataadhaan Qoʼachuuf Maaltu Si Gargaara?

QOʼANNAA dhuunfaa kee dhaabbataa fi gammachiisaa gochuun sitti ulfaataa? Hundi keenya yeroo tokko tokko nutti ulfaata. Garuu mee wantoota dhaabbataadhaan goonu kan biroo kanneen akka dhaqna dhiqachuu jiran yaadi. Dhaqna dhiqachuun yeroo fi carraaqqii gaafata; taʼus, erga dhiqannee booda miirri gaariin nutti dhagaʼama! Kitaaba Qulqulluu yeroo qoʼannus ‘dubbiin Waaqayyoo akkuma bishaanii dhiqee nu qulqulleessuudhaan’ nu haaromsa. (Efe. 5:26) Mee yaadawwan gama kanaan nu gargaaran tokko tokko haa ilaallu:

  • Sagantaa baafadhu. Kiristiyaana tokkoof qoʼannaan dhuunfaa “wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan” keessaa tokkodha. (Filp. 1:10) Sagantaa kee salphaatti yaadachuu akka dandeessuuf bakka salphaatti mulʼatutti maaliif hin maxxansitu? Yookiinimmoo saʼaatiin qoʼannaa kee gaʼuusaa dura akka si yaadachiisuuf moobaayilii keerratti alaarmii guutuu dandeessa.

  • Mala siif taʼu filadhu. Takkaatti saʼaatii dheeraadhaaf qoʼachuumoo, yeroo garaagaraatti saʼaatii gabaabaadhaaf qoʼachuutu siif salphata? Haala kee situ beeka. Kanaafuu, yeroo sagantaa baafattu kana sammuutti qabadhu. Yeroo saʼaatiin qoʼannaa keetii gaʼu qoʼachuuf kakaʼumsa yoo dhabde, daqiiqaa kudhaniif qofa qoʼachuuf maaliif hin murteessitu? Kan qoʼattu daqiiqaa kudhaniif qofa yoo taʼellee barumsa hedduu argatta. Takkaa qoʼannaa jalqabnaan itti fufuuf kakaʼuu dandeessa.—Filp. 2:13.

  • Wanta qoʼattu dursii filadhu. Yeroo saʼaatiin itti qoʼattu gaʼu teessee maal akka qoʼattu yaadda taanaan ‘yeroo kee akka gaariitti itti fayyadamuun’ si rakkisuu dandaʼa. (Efe. 5:16) Mata dureewwan ykn dhimmoota qoʼachuu barbaaddu maaliif hin galmeeffattu? Dhimma tokko ilaalchisee gaaffii gara sammuu keetti dhufu hunda barreeffadhu. Dhuma qoʼannaa keerrattis, yaadawwan qoʼachuu barbaaddu kan biroo barreeffachuu dandeessa.

  • Yeroo barbaachisutti jijjiirama godhi. Wanti guddaan torban torbaniin qoʼachuu keeti. Kanaafuu, yeroo barbaachisutti guyyaa fi saʼaatii itti qoʼattu, akkasumas dheerinasaa fi mata duree qoʼatturratti sirreeffama godhi.

Torban torbaniin yoo qoʼatte faayidaa guddaa argatta. Yihowaatti caalaatti dhihaatta, murtoo ogummaarratti hundaaʼe goota, akkasumas ni haaromta.—Iya. 1:8.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi