Sagantaa Maatii Hojiirra Ooluu Danda’u Baasaa
1 Yesus lallabasaa isa gaara gubbaarratti dhageeffattootasaatiin: “Duraan dursitanii yaada keessan mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa barbaaduutti hidhaa!” jedhee gorseera. (Mat. 6:33) Maatiin tokko karoora wantoota hafuuraa dursuuf isa dandeessisu baasuu yoo barbaade, malli gaariin sagantaa waraqaarratti barreeffame qabaachuudha. Daqiiqaa muraasa fudhattanii, sagantaa bakka duwwaa miiltoo ful 6rra jirutti gargaaramuudhaan, sagantaa maatii torbanii baafachuu dandeessu. Maatiiwwan tokko tokko wanta guyyaa guyyaadhaan hojjetan waraqatarratti barreessanii sagantaasaaniirratti maxxansuu barbaadu; kaanimmoo sochiiwwansaanii barreessuu barbaadu ta’a.
2 Sagantaa maatii baafachuuf sagantaan kanaa gaditti akka fakkeenyaatti dhihaate isin gargaaruu danda’a. Sagantaan kun, sochiiwwan bu’uura ta’an afur qofa kan qabatedha: (1) walga’iiwwan gumiirratti argamuu, (2) maatiidhaan tajaajilarratti hirmaachuu, (3) qayyabannaa maatiifi (4) maree caqasa guyyaa guyyaarratti godhamu. Sagantaa kee keessatti wantoota kana dabaluun, ‘isa ta’uu fi isa hin taane gargar akka baastu’ si gargaaruu danda’a. (Filp. 1:10) Yaadni dabalataa wantoota afuran kanarratti kenname fuula 4fi 5rratti argama.
3 Sagantaan maatii keessanii bifawwan afuran kana qofaarratti kan hundaa’edha jechuu miti. Walga’iiwwan tokko tokkoo maatiidhaan kan qophooftan yoo ta’e, sagantaa keessanirratti mallattoo godhaa. Caqasa guyyaa guyyaa erga dubbistanii booda ykn yeroo gara biraatti Macaafa Qulqulluu wajjin kan dubbistan yoo ta’es sagantaa sanarratti ibsaa. Maatiidhaan bashannanuun kan barame yoo ta’e, kanas taanaan sagantaa keessanitti dabaluu barbaaddu ta’a.
4 Sagantaan maatii keessan, fedhiifi haala miseensota maatii tilmaama keessa kan galche akka ta’u godhaa. Yeroo yerootti sagantaan keessan hangam bu’a qabeessa akka ta’e madaaliitii jijjiiramni yeroo barbaachisutti sirreeffama godhi.
[Chaartii fuula 3rra jiru]
Sagantaa Maatii Akka Fakkeenyaatti Ba’e
Dil. Wix. Kib. Rob. Kam. Jim. Sam.
[Fakkii fuula 3rra jiru]
Caqasa Guyyaa Guyyaa Caqasa Guyyaa Guyyaa Caqasa Guyyaa Guyyaa Caqasa Guyyaa Guyyaa Caqasa Guyyaa Guyyaa Caqasa Guyyaa Guyyaa Caqasa Guyyaa Guyyaa
Ganama
Maatiidhaan Tajaajiluu (Guyyaa Barruulee)
Haasawaa Sabaa fi Qayyabannaa Masaraa Eegumsaa
Waaree Booda
Galgala
Qayyabannaa Maatii
Gumii
Qayyabannaa Kitaabaa
Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii fi Walga’ii Tajaajilaa
[Chaartii fuula 6rra jiru]
Sagantaa Maatii
Dil. Wix. Kib. Rob. Kam. Jim. Sam.
[Fakkii fuula 6rra jiru]
Caqasa Guyyaa Guyyaa Caqasa Guyyaa Guyyaa Caqasa Guyyaa Guyyaa Caqasa Guyyaa Guyyaa Caqasa Guyyaa Guyyaa Caqasa Guyyaa Guyyaa Caqasa Guyyaa Guyyaa
Bashannana Maatii
Maatiidhaan Macaafa Qulqulluu Dubbisuu
Maatiidhaan Tajaajiluu
[Fakkii fuula 6rra jiru]
Qayyabannaa Maatii
Qayyabannaa Kitaabaa
Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiifi Walga’ii Tajaajilaa
Haasawaa Sabaafi Qayyabannaa Masaraa Eegumsaa
Ganama
Waaree Booda
Galgala