Beeksisa
◼ Barreeffamoota raabsaman, Muddee: Babalʼistoonni tiraaktota armaan gadii keessaa isa tokko raabsuu dandaʼu: Rakkinni Hundi Yeroo Dhihootti Ni Bada!, ykn Dhugaasaa Beekuu Barbaaddaa? Fedhii yoo qabaate, kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu ykn birooshura Waaqayyoon Dhaggeeffadhu ykn Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu jedhaman keessaa isa tokkotti fayyadamuudhaan, qayyabannaan Macaafa Qulqulluu akkamitti akka godhamu itti argisiisaa. Amajjiifi Guraandhala: Birooshuroota fuula 32 qabaniifi armaan gaditti argaman raabsuun ni dandaʼama: Dhugumaan Waaqayyo Waaʼee Keenya Ni Yaadaa?, Namni Jaallattan Yeroo Duʼu, ykn Michuu Waaqayyoo Taʼuu Dandeessa. Deddeebii gaaffii yeroo gootan, kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhu ykn caalaatti nama sanaaf barbaachisaa yoo taanaanimmoo birooshuroota Waaqayyoon Dhaggeeffadhu ykn Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu jedhaman keessaa isa tokkotti fayyadamaa; akkasumas qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf carraaqqii godhaa. Bitootessa: Barruu Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! Deddeebii gaaffii yeroo gootan, kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu ykn akka fedhii namichaatti birooshura Waaqayyoon Dhaggeeffadhu ykn Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu jedhaman keessaa isa tokkotti fayyadamuudhaan, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf carraaqqii godhaa.
◼ Torban Amajjii 28, 2013 jalqabuu kaasee, gumiiwwaniifi tuutawwan afaan Oromoo Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumiirratti, kitaaba Yihowaatti Dhihaadhu jedhamu qayyabatu.
◼ Ayyaanni Yaadannoo bara 2014, Wiixata, Ebla 14 kabajama.
◼ Babalʼistoonni Bitootessa 2013tti qajeelchaa gargaaraa taʼan, akka filannaasaaniitti saʼaatii 30 ykn saʼaatii 50 tajaajiluu dandaʼu. Kana malees, jiʼa Bitootessaatti ilaaltuun olaanaa anaa gumicha kan daawwatu yoo taʼe babalʼistoonni qajeelchaa gargaaraa taʼanii tajaajilan hundi, walgaʼii ilaaltuun olaanaa aanaa qajeelchitootaa wajjin godhu guutummaasaarratti akka argaman afeeramaniiru.
◼ Barreeffamoota haaraa harkaa qabnuufi ajajamuu dandaʼan: Afaan Somaaliyaa: Riil Feez—Yuur Kiiy tuu e Haappii Laayif, Tiraaktii Lakk. 27 (Rakkinni Hundi Yeroo Dhihootti Ni Bada!), Tiraaktii Lakk. 72 (Za Gireetasti Neem).