Sagantaa Torban Amajjii 7 Jalqabu
TORBAN AMAJJII 7 JALQABU
Faarfannaa 9fi Kadhannaa
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
w10 11/15 ful. 28-29 key.1-7 (Daq. 30)
□ Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: Mat. 1-6 (Daq. 10)
Lakk. 1: Mat. 5:21-32 (Daq. 4 ykn isaa gad)
Lakk. 2: Yesus Barsiisaa Guddicha Kan Jedhame Maaliifi?—lr boq. 1 (Daq. 5)
Lakk. 3: Yihowaa, ‘Gaʼaa Keenya’ Godhachuu Jechuun Maal Jechuudha?—Lak. 18:20 (Daq. 5)
□ Walgaʼii Tajaajilaa:
Daq. 10: Yaadawwan Jiʼa Amajjiitti Barruulee Raabsuuf Gargaaran. Mareedhaan kan dhihaatu. Matadureewwan naannoo tajaajilaa keessaniif taʼan tokko tokko sekoondii 30 hanga sekoondii 60 gidduutti ibsi. Achiis, matadureewwan qola Masaraa Eegumsaa jalatti baʼanitti fayyadamuudhaan, dhaggeeffattoonni gaaffii fedhii namaa kakaasu akkamii gaafachuufi caqasa kam dubbisuu akka yaadan akka dubbatan afeeri. Matadureewwan qola Dammaqaa! jala jiranii wajjin haala wal qabateenis akkasuma erga gootee booda, yoo yeroon si gaʼe barruulee lamaan keessaa isa tokkorraa mataduree kan biraa tokkorrattis ibsa kenni. Barruuleen lamaanuu akkamitti akka raabsaman hojiin argisiisaan akka dhihaatu godhi.
Daq. 10: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.
Daq. 10: Galmi Mootummaa Qulqulluu Taʼe Yihowaaf Ulfina Argamsiisa. Haasaa jaarsaan dhihaatu. Yihowaan Waaqa qulqulluu waan taʼeef, sabasaa gidduutti qulqullinni qaamaa dursi kennamuufii qaba. (Bau. 30:17-21; 40:30-32) Bakka waaqeffannaa keenya qulqulluufi akka gaariitti kan suphame gochuudhaan, Yihowaadhaaf ulfina argamsiisna. (1 Phe. 2:12) Galmi Mootummaa akka gaariitti qabamuusaatiin namoota kaaniif dhugaa baʼuusaa ilaalchisee, muuxannoo gumii keessanitti ykn barreeffamarraa argatte dubbadhu. Obboleessa gumii keessan keessatti qulqullina eegsisuufi hojii suphaarratti qindeessaa taʼeef gaafannoo godhi. Hundumtuu hojii Galma Mootummaa sirriitti qabuu wajjin walqabaterratti akka hirmaatan jajjabeessi.
Faarfannaa 13fi Kadhannaa