Mataduree Haaraa Itti Fufiinsaan Masaraa Eegumsaarratti Baʼu
Jiʼi haaraan seenee Sanbadduraa jalqabaatti, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf mataduree Masaraa Eegumsaarratti itti fufiinsaan baʼuufi “Macaafa Qulqulluurraa Baradhu” jedhutti fayyadamaa turreerra. Jiʼa Amajjiitii jalqabee matadureen itti fufiinsaan baʼu kun, mataduree “Deebii Gaaffiiwwan Macaafa Qulqulluu” jedhuufi fuula xumuraa Masaraa Eegumsaa maxxansa sabaarratti baʼuun bakka buufama. Mataduree “Deebii Gaaffiiwwan Macaafa Qulqulluu” jedhu kana, akkuma isa “Macaafa Qulqulluurraa Baradhu” jedhuu, tajaajila keenyarratti itti fayyadamuu dandeenya. (km 12/10 ful. 2) Tajaajilli Mootummaa keenya, akkuma kanaan duraa, akkaataa dhiheenyaa jiʼi haaraan seenee Sanbadduraa isa jalqabaarratti itti fayyadamnu qabatee baʼa.