LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 12/12 ful. 7
  • Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii
  • Tajaajila Mootummaa—2012
Tajaajila Mootummaa—2012
km 12/12 ful. 7

Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii

Gaaffileen kanaa gadi jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii torban Muddee 31, 2012 jalqabutti kan irratti mariʼatamanidha. Qabxiiwwan mareen irratti godhaman hundi guyyaansaanii kan ibsame, torban torbaniin mana barumsichaatiif yommuu qophoofnu qorannoo dabalataa akka goonuufidha.

1. Raajiin weerara ilbiisotaa ilaalchisee Yoʼel 2:1-10, 28⁠rratti dubbatame kan raawwatame akkamitti? [Sad. 5, w07-AM 10/1 ful. 13 key. 1]

2. Raajiin Amos 8:11⁠rratti argamu eenyuurratti raawwatame? Yeroo nyaanni hafuuraa baayʼinaan argamu keessa waan jiraannuuf maal jennee of gaafachuu qabna? [Sad. 12, jd-E ful. 60-61 key. 9]

3. Edoomonni gar malee akka of tuulan kan godhe maal taʼuu dandaʼa? Nutoo dhugaa isa kam irraanfachuu hin qabnu? (Oba. 3, 4) [Sad. 19, w07-AM 11/1 ful. 14 key. 1]

4. Yihowaan badiisa namoota Nanawwee rratti fiduuf yaade kan dhiise akkamitti? (Yon. 3:8, 10) [Sad. 19, w07-AM 11/1 ful. 15 key. 1]

5. Yihowaa wajjin deddeebiʼuun michooma isaa wajjin qabnu nuu cimsuu kan dandaʼu akkamitti? (Mik. 4:5) [Sad. 26, jd-E ful. 88 key. 12]

6. Raajiin Naahom 2:6-10⁠rratti argamu raawwatamuunsaa maal nuu mirkaneessa? [Mud. 3, w07-AM 11/15 ful. 9 key. 2; w88-E 2/15 ful. 28 key. 7]

7. Yaanni Haagee 1:6⁠rra jiru hiika maalii qaba? Isarraahoo barumsa maalii arganna? [Mud. 10, w06 5/1 ful. 6 key. 12-15]

8. Gorsa gaarii Zakaariyaas 7:10⁠rratti, “Garaa keessan keessattis wal irratti waan hamaa hin yaadinaa!” jechuudhaan kenname hojiirra oolchuu kan dandeenyu akkamitti? [Mud. 17, jd-E ful. 113 key. 6; w07-AM 12/1 ful. 11 key. 2]

9. Yaanni Zakaariyaas 4:6, 7⁠rra jiru tajaajiltoota Yihowaa yeroo ammaa jiran kan jajjabeessu akkamitti? [Mud. 17, w07 12/1-AM ful. 10 key. 7]

10. Yaada Miilkiyaas 3:16⁠rra jiruu wajjin haala wal qabateen, murtoo amanamummaa keenya eegnee jiraachuuf goone laaffisuu kan hin qabne maaliifi? [Mud. 31, w07-AM 12/15 ful. 29 key. 3]

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi