Mataduree Walitti Aansee Ba’uufi Tajaajila Keenyaaf Nu Gargaaru
1. Matadureen “Maree Macaafa Qulqulluurratti Hundaa’e” jedhuufi walitti aansee ba’u kaayyoo akkamii lama qaba?
1 Masaraan Eegumsaa maxxansa sabaa yeroo yerootti mataduree “Maree Macaafa Qulqulluurratti Hundaa’e” jedhu qabatee ba’a. Matadureen walitti aansee ba’u kun kaayyoo lamaaf jechuunis, karaa garaa namootaa tuquun barumsa Macaafa Qulqulluu dabarsuufi dhimmawwan tokko tokkoof akkamitti malaan deebii kennuu akka dandeenyu nu hubachiisuuf kan qophaa’edha. (1Phe. 3:15) Matadureewwan kana akkamitti akka gaariitti itti fayyadamuu dandeenyaree?
2. Mataduree walitti aansee ba’u kana tajaajila keenyarratti akkamitti itti fayyadamuu dandeenya?
2 Tajaajilarratti Itti Fayyadami: Maxxansa Masaraa Eegumsaa mataduree walitti aansee ba’u kana qabate koppiiwwan dabalataa fudhachuu dandeessa. Namni haasofsiistu, namni fedhii qabu, akkasumas barataan Macaafa Qulqulluu tokko matadureewwan barruu kanarratti ibsaman keessaa isa tokko ilaalchisee gaaffii yoo si gaafate ykn mormii yoo kaase, barruu kana kenniifiitii irratti akka mari’attan isa afeeri. Haata’u malee barruu mataduree ati barbaaddu qabu hin qabdu taanaan, tarii Weeb saayitii jw.org irraa garagalfachuu dandeessa.
3. Nama haasofsiisnuu wajjin matadureewwan walitti aansanii ba’an kana keessaa isa tokkorratti mari’achuu kan dandeenyu akkamitti?
3 Nama tokkoo wajjin matadureewwan kana keessaa isa tokkorratti mari’achuu kan dandeessu akkamitti? Obboloonni tokko tokko namni wajjin mari’achaa jiran sun yaadawwan namni mariisifamaa jiru dubbate akka dubbisu godhu; isaanimmoo wanta Dhugaa Baatuun sun dubbate dubbisuuf. Maree barreeffamaan jiru kanarratti mari’achuun, namni mariisisan sun utuu hin dhiphatin maal jennee akka amannu hubachuuf waan isa gargaaruuf, mala kanatti fayyadamuun bu’a qabeessa akka ta’e isaanitti dhaga’ama.—Kes. 32:2.
4. Matadureewwan walitti aansanii ba’an kanatti of leenjisuuf itti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?
4 Ofiikees Ta’e Warra Kaan Leenjisi: Yeroo matadureewwan kana dubbistu caqasoota caqasaman, fakkeenyota, akkasumas ragaawwan dhihaatan hubachuuf yaali. Miira mareen sun itti godhame hubadhu. Sana booda atis tajaajilarratti miira akkasiitiin dubbachuuf yaalii godhi. (Fak. 1:5; 9:9) Obboleettiin tokko, “Matadureewwan kana dubbisuun hiriyaa qajeelchaa ta’eefi wanta sirriitti jedhamuu qabu beeku tokkorraa barachuudha jechuun ni danda’ama” jetteetti.
5. Namoonni Macaafa Qulqulluu qayyabsiisnu tajaajilaaf akka qophaa’an gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?
5 Dabalataanis fakkeenya barreeffamaan dhihaate kanatti fayyadamtee, namni Macaafa Qulqulluu qayyabsiistu, tajaajilaaf akka qophaa’u gargaaruu dandeessa. Baratichi bakka babal’isaa sanaa bu’ee akka dubbisu gochuudhaan yaada kana wajjin dubbisaa. Karaa kanaan barattoonni Macaafa Qulqulluu amantiisaanii malaan ibsuu barachuu danda’u. (Qol. 4:6) Dhugumayyuu, matadureewwan kun karaawwan Yihowaan tajaajila keenya ‘guutummaatti akka raawwannu’ itti nu gargaaru keessaa isa tokkodha.—2Xim. 4:5.