Guutummaatti Itti Fayyadamaa Jirtaa?
1 “Hamman tajaajilarratti itti fayyadamuutti obsuu hin danda’u!” Jechi kun, wanta obboleettiin tokko erga Masaraa Eegumsaa Amajjii 1, 2008 dubbistee booda barreessitedha. Matadureewwan maxxansa sabaarratti yeroo hundaa ba’an dubbisuufi tajaajilarratti akka gaariitti itti fayyadamuu dandeesseettaa?
2 “Yesusirraa Maal Baranna?” Mataduree kana qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf gaarii ta’ee argatteetta ta’a. Hamma yoonaatti itti hin gargaaramne yoo ta’e, namichaaf mataduree kana erga dubbistee booda, dhimma kana ilaalchisee wanta Yesus keeyyata jalqabaarratti dubbate itti argisiisi. Namni kun fedhii yoo qabaate, matadureewwan xixiqqaa gaaffiiwwan fedhii namaa kakaasaniin dhihaatanitti fayyadamuudhaan, maree keessan itti fufuuf yaalii godhi. Gaafficharratti akka yaada kennu afeeri. Fakkii yaada sana deggerurratti ibsa gabaabaa erga kennitee booda, keeyyata ittaanutti darbi. Mataduree kana walakkaasaa guyyaa jalqabaatti, walakkaasaammoo yeroo deebitee dhaqxu irratti mari’achuu dandeessu. Kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuun qayyabannaa keessan itti fufuuf qophaa’i.
3 “Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti?” Matadureen kun, abbaan manaa, haati manaafi warri yommuu nageenyi maatiisaanii balaadhaaf saaxilamu, seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluutti fayyadamanii akkamitti furmaata argachuu akka danda’an isaan hubachiisa. Kana malees, matadureewwan kanatti fayyadamuudhaan, namoonni Dhugaa Baatota hin taane ogummaa Macaafa Qulqulluu keessa jiru akka hubatan gargaaruu dandeessa.—2 Xim. 3:16, 17.
4 Matadureewwan Dargaggootaaf Dhihaatan: Matadureen “Dargaggootaaf” jedhu, seenaa Macaafa Qulqulluu tokko akka gaariitti hubachuuf gargaara. Dargaggoonni tajaajilarratti argattu, faayidaa Dubbii Waaqayyoo qayyabachuun qabu akka hubatan gargaaruuf, matadureewwan kanatti fayyadamuu dandeessa. (Far. 119:9, 105) Yeroo warra ijoollee qaban haasofsiistu, mataduree “Ijoollee Keessan Barsiisaa” jedhurratti xiyyeeffachuu dandeessa. Matadureen kun, dargaggoonni seenaa namoota Macaafa Qulqulluu keessatti caqasamaniirraa barumsa gaarii akka argatan gargaaruu danda’u. Carraa argattetti fayyadamtee mataduree kana ijoolleekee wajjin ni dubbistaa?
5 Matadureewwan Kan biraa: Matadureen “Dubbistootaaf” jedhu, gaaffii namoonni Dhugaa Baatota hin taane kaasuu danda’an qabatee dhihaata. Barreeffamoota kana yommuu manaa gara manaatti raabsitu, mataduree kanatti fayyadamuu dandeessa. Matadureen “Xalayaa . . . irraa” jedhu, misiyoononnis ta’an obboloonni kaan, yommuu tajaajilasaanii raawwatan rakkoowwan akkamii akka isaanirra ga’an kan ibsudha. Matadureen kun, namoonni fedhii qaban, misiraachoon Mootummichaa milikkita argama Yesus ta’uudhaan addunyaa maratti lallabamaa jiraachuusaa akka hubatan gargaaruu danda’a.—Mat. 24:3, 14.
6 Matadureen “Waaqayyotti Dhihaadhu” jedhuufi dubbisa Macaafa Qulqulluu Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirratti hundaa’uudhaan ba’u, namoonni garaa qajeelaa qaban waa’ee Yihowaa caalaatti barachuuf akka kaka’an gochuu danda’a. Matadureen “Fakkeenya Amantaasaanii Hordofaa” jedhu, dubbistoonni, namoonni Macaafa Qulqulluu keessatti caqasaman filannaa akkamii akka godhan, rakkina akkamii keessa akka darbaniifi amantaa akkamii akka qaban hubachuudhaan seenaa Macaafa Qulqulluu yaadaan akka ilaalan gargaaruuf qophaa’e.
7 Masaraa Eegumsaa tajaajilaaf nu gargaaru argachuun keenya kan nama gammachiisu mitii? Kanaafuu, matadureewwan barruu kana keessatti argaman akka gaariitti hubachuudhaan, tajaajila keenyarratti guutummaatti itti haa fayyadamnu.