Mataduree Haaraa Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuuf Gargaaru
1. Matadureen haaraan Masaraa Eegumsaa maxxansa sabaarratti walitti aansuudhaan ba’u maalidha? Kaayyoonsaa maalidha?
1 Amajjii 2011 jalqabee, mataduree haaraan Masaraa Eegumsaa maxxansa sabaarratti walitti aansee qophaa’u, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf kan nu gargaarudha. Matadureensaa “Macaafa Qulqulluurraa Baradhu” kan jedhu ta’a. Namoonni tokko tokko mataduree kana dhuunfaatti dubbisuun kan isaanitti tolu ta’us, matadureewwan kun garuu akka irratti mari’atamaniif yaadamanii kan qophaa’anidha.
2. Qabiyyeen matadureewwan kanaa tokko tokko maalfa’i?
2 Qabiyyeesaa: Matadureen guddaaniifi mataduree xixiqqaan nama mariisistan sana akka gaafattaniif bifa gaaffiitiin ibsamaniiru. Namni sun kallattiidhaan Macaafa Qulqulluurraa akka baratu waan isa gargaaruuf, caqasawwan furtuu ta’an ni caqasaman malee yaannisaanii hin barreeffamne. Balbalumarra dhaabattanii irratti mari’achuu akka dandeessanitti keeyyannisaa gaggabaabaa akka ta’u godhameera. Matadureen hundi kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu kan caqasu si’a ta’u, kunis yeroo mijaa’aa ta’etti maree kana gara qayyabannaatti jijjiiruuf kan gargaarudha.
3. Yeroo manaa gara manaatti tajaajillu, mataduree kanatti fayyadamnee balbaluma namootaarratti qayyabannaa jalqabsiisuu kan dandeenyu akkamitti?
3 Akkamitti Itti Fayyadamuu Dandeenya? Barruulee yeroo raabsitu gaaffii walii galaa mataduree “Dubbii Waaqayyoorraa Baradhu” jedhu jalatti argamuufi fedhiisaanii kakaasu gaafachuu dandeessa. Fakkeenyaaf, maxxansi Amajjii 2011 faayidaa Macaafni Qulqulluun qabu ibsa. Akkas jettee gaafachuu dandeessa: “Macaafa Qulqulluu akka Dubbii Waaqayyoottimmoo, akkuma kitaaba gaarii tokkootti ilaalta? [Hanga deebii kennutti eegi.] Kana ilaalchisee dhimma fedhii nama hawwatu tokko utuun sitti argisiisee natti tola.” Gaaffii isa jalqabaa erga itti argisiistee booda keeyyata isa jalqabaa dubbisi; achiis caqasa yaannisaa hin ibsamne dubbisi. Gaaffiisaa irra deebi’ii dubbisiitii, namichi deebii akka kennu gaafadhu. Gaaffiiwwan mareedhaaf lakkoofsaan kaa’amanitti fayyadamuudhaan hamma dandeessan barumsicharratti mari’adhaa. Maricha xumuruukee dura gaaffii ittaanuufi lakkoofsaan kaa’amerratti akka xiyyeeffatu gochuudhaan guyyaa itti mari’attan ilaalchisee beellama qabadhu. Hanga maxxansa ittaanu geessituufitti kutaa matadurichaa isa haferratti mari’achuuf torban torbaniin deebi’ii dhaqi. Malli inni gara biraanimmoo, kallattiidhaan qayyabannaa Macaafa Qulqulluu akka jalqabu isa gaafachuudha. Achiis mataduree sanatti fayyadamuudhaan akkamitti akka qayyabatamu itti argisiisi.
4. Yeroo deddeebii gaaffii goonu matadureewwan kanatti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?
4 Namoota yeroo yerootti barruulee sirraa fudhatanis ta’e deddeebitee gaafattu kan biraa, matadureewwan kanatti fayyadamtee qayyabannaa jalqabsiisuu dandeessa. Yeroo kanatti akkas jechuu dandeessa: “Masaraan Eegumsaa kun mataduree haaraa qaba. Akkamitti itti fayyadamuun akka danda’amu sittan argisiisa.” Nuyis mataduree haaraan kun, namoonni hedduun ‘dhugaa beekuu bira akka ga’an’ kan gargaaru akka ta’u ni kadhanna.—1 Xim. 2:4.