Jijjiirama Gammachiisaa Barruu Masaraa Eegumsaarratti Godhame
1 Jalqaba waggaa kanaarratti beeksisni gammachiisaan tokko gumiiwwaniif ergamee ture. Innis Amajjii 2008, jalqabee Masaraan Eegumsaa maxxansa gara garaa lama tokko sabaaf inni kaanimmoo obboloota Kiristiyaana ta’aniif kan qophaa’u ta’uusaati. Tarii akkas jettanii gaafattu ta’a: ‘Barruuleen lamaan kun garaa garummaansaanii maalidha? Maxxansa gara garaa lama qopheessuun faayidaansaa maalidha? Maxxansawwan haaraa kana wanti adda godhu maalidha?
2 Garaa Garummaasaanii: Maxxansi ji’aa inni duraa Maxxansa Sabaa jedhama. Barumsi maxxansa kana keessa jiru hundi saba ykn uummata tilmaama keessa galchuudhaan qophaa’a. Maxxansi ji’aa inni guyyaa 15ffaatti qophaa’u Maxxansa Qayyabannaa kan jedhamu yommuu ta’u, maxxansi kunis tajaajila dirreerratti hin raabsamu. Maxxansi kun matadureewwan qayyabannaa ji’a tokkoof barbaachisan hundumaa dabalatee, matadureewwan dabalataa keessumaa Kiristiyaanota of murteessaniif gargaaru kan qabatudha. Maxxansi Masaraa Eegumsaa inni Sabaaf qophaa’u Dhugaa Baatota qofa utuu hin ta’in, namoota Macaafa Qulqulluutti amanan kaanis kan gammachiisudha. Barruun Dammaqaa! garuu, namoota Waaqayyo jiraachuusaatti hin amannefi namoota amantii Kiristiyaanaa hin hordofnu jedhan dabaltee namoota baay’eedhaaf kan qophaa’u ta’uusaa itti fufa.
3 Faayidaa Maxxansa Kanaa: Maxxansa Qayyabannaa keessatti jechoota kan akka “qajeelchaa” jedhan, warri Dhugaa Baatota hin ta’iin akka hubataniif jecha ibsa dabalataa kennuun hin barbaachisu. Kana malees, maxxansi kun barumsa dabalataa keessumaa Dhugaa Baatota Yihowaafi barattoota Macaafa Qulqulluu karaa hafuuraa guddachaa jiraniif qophaa’u qabachuu danda’a. Faayidaan Maxxansa Sabaa hoo maalidha? Matadureewwaniifi akkaataan itti barreeffaman sabarratti kan xiyyeeffate waan ta’eef, namni Dhugaa Baatuu hin ta’iin tokko barruu kana guutummaatti gammachuudhaan dubbisuu danda’a. Dhugaa Baatonni Yihowaa hundi maxxansa lamaanuu dubbisuurraa faayidaa argachuu danda’u. Ji’a ji’aan tajaajila dirreerratti Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! tokko qofa waan raabsinuuf, ji’a guutuu akkaataa dhiheenyaa bu’a qabeessa ta’e qophaa’u dandeenya.
4 Bifawwan Haaraa: Bifawwan haaraan tokko tokko Maxxansa Sabaa Masaraa Eegumsaatiif karoorfamaniiru. Bifni inni tokko, barumsawwan bu’uuraa Caaffata Qulqullaa’oo karaa baay’ee salphaa ta’een dhiheessuudha. Inni kaanimmoo, Macaafni Qulqulluun maatiiwwan akkamitti akka gargaaru ibsa. Sagantaawwan dargaggoonni qayyabannaa Macaafa Qulqulluu gochuuf isaan gargaaru ni dhihaatu. Maxxansa hundaarratti barumsi kutaa Macaafa Qulqulluu tokkorratti hundaa’eefi waa’ee amalawwan Yihowaa nu barsiisu ni dhihaata.
5 Yihowaan jijjiirama haaraa Masaraa Eegumsaarratti godhame kana akka eebbisu ni kadhanna. Masaraan Eegumsaa kuniifi barruun Dammaqaa! namoota baay’ee misiraachoo dhaga’uun ta’uuf akka ga’u ni hawwina.—Mat. 10:11.