Sagantaa Torban Sadaasa 25 Jalqabu
TORBAN SADAASA 25 JALQABU
Faarfannaa 31fi Kadhannaa
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
cl boq. 15 key. 8-15 (Daq. 30)
□ Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii:
Dubbisa M.Q.: Yaq. 1-5 (Daq. 10)
Lakk. 1: Yaq. 1:22–2:13 (Daq. 4 ykn isaa gad)
Lakk. 2: Jaalalli Sodaa Mo’uu Kan Danda’u Akkamitti?—1 Yoh. 4:16-18 (Daq. 5)
Lakk. 3: Michoonni Keenya Waaqayyoon Kan Jaallatan Ta’uu Qabu—lr boq. 44 (Daq. 5)
□ Walga’ii Tajaajilaa:
Daq. 10: Yaadawwan Ji’a Muddeetti Barruulee Raabsuuf Gargaaran. Mareedhaan kan dhihaatu. Matadureewwan naannoo tajaajilaa keessaniif ta’an tokko tokko sekoondii 30 hanga 60 gidduutti ibsi. Achiis, matadureewwan qola Masaraa Eegumsaa jalatti ba’anitti fayyadamuudhaan, dhaggeeffattoonni gaaffii fedhii namaa kakaasu akkamii gaafachuufi caqasa kam dubbisuu akka yaadan akka dubbatan afeeri. Matadureewwan qola Dammaqaa! jala jiranii wajjin haala wal qabateenis akkasuma erga gootee booda, yoo yeroon si ga’e barruulee lamaan keessaa isa tokkorraa mataduree kan biraa tokkorrattis ibsa kenni. Barruuleen lamaanuu akkamitti akka raabsaman hojiin argisiisaan akka dhihaatu godhi.
Daq. 10: Deebii Deebisuu Kan Qabdan Akkamitti? Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa fuula 69, keeyyata 1-5rratti hundaa’ee haasaadhaan kan dhihaatu. Hojiin argisiisni babal’isaan tokko barataa Macaafa Qulqulluusaatiif dhimma murtoo dhuunfaa gochuu gaafatu tokkorratti deebii yeroo kennuuf argisiisu haa dhihaatu. Baratichi, “Haalli akkasii utuu si mudatee maal goota turte?” jedhee babal’isaa kana gaafata.
Daq. 10: “Mataduree Walitti Aansee Ba’uufi Tajaajila Keenyaaf Nu Gargaaru” Gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu. Mataduree “Maree Macaafa Qulqulluurratti Hundaa’e” jedhu jalatti, yaada dhiheenyatti ba’e keessaa muraasa fudhachuudhaan, yaanni keeyyata 3rratti kenname hojiin argisiisa gabaabaadhaan akka dhihaatu godhi.
Faarfannaa 45fi Kadhannaa