Ijoo Gabaasa Tajaajilaa
Waggaan tajaajilaa 2012, lakkoofsa babalʼistootaa haaraa 9,502n kan xumurame siʼa taʼu, waggaatti parsantii 2.4n dabaleera. Waggaa sanatti bartoonni haaraan 531 taʼan cuuphamaniiru. Barruuleen hanga ammaatti raabsamee hin beekneefi 703,015 taʼan raabsamaniiru. Qayyabannaawwan giddu galeessaan 7,203 taʼan kan geggeeffaman siʼa taʼu, ammas namoonni hedduun fedhii argisiisaa jiru. Kana malees, namoonni 14 dubbisuufi barreessuu akka dandaʼaniif gargaarsa argachuusaanii yommuu isin beeksifnu gammachuu guddaatu nutti dhagaʼama. Barsiisotaafi barattoota carraaqqii guddaa godhan baayʼee galateeffanna.