Sagantaa Torban Ebla 15 Jalqabu
TORBAN EBLA 15 JALQABU
Faarfannaa 6fi Kadhannaa
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
cl boq. 4, key. 17-23 (Daq. 30)
□ Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: Luq. 13-17 (Daq. 10)
Lakk. 1: Luq. 16:16-31 (Daq. 4 ykn isaa gadi)
Lakk. 2: Mudaa Kan Qabnu Taʼuun Keenya, Waaqayyoof Waaʼee Kan Hin Baasne Nu Godhaa?—Far. 103:8, 9, 14; Gal. 6:9 (Daq. 5)
Lakk. 3: Wanti Hunda Caalaa Barbaachisaa Taʼe Maalidha?—lr boq. 16 (Daq. 5)
□ Walgaʼii Tajaajilaa:
Daq. 10: Saanduqa Gaaffii. Mareedhaan kan dhihaatu.
Daq. 10: Karaawwan Tajaajilakee Balʼifachuu Itti Dandeessu—Kutaa 2. Haasaa kitaaba Saba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼe (Amaariffa) jedhamu fuula 112, keeyyata 3, hanga fuula 113, keeyyata 2rratti hundaaʼee dhihaatu. Qajeelchitoota taʼuuf sirreeffama akkamii gochuun akka isaan barbaachise qajeelchaa tokko ykn lamaaf gaafannoo godhi.
Daq. 10: Iddoo Hojii Keetti Ni Lallabdaa? Gaaffiiwwan armaan gadiirratti hundaaʼee mareedhaan kan dhihaatu. (1) Namoonni waliin hojjettu Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuukee beekuunsaa gaarii kan taʼe maaliifi? (2) Kana akka beekan gochuu kan dandeessu akkamitti? (3) Carraawwan bakka hojiitti lallabuu itti dandeessu kamfaʼi? (4) Dandaʼamnaan Macaafa Qulqulluufi barreeffamoota tokko tokko bakka hojii keetii kaaʼuun gaarii kan taʼu maaliifi? (5) Yeroo hojiirra jirtutti saʼaatii dheeraadhaaf lallabuu kan hin qabne maaliifi? (6) Bakka hojiitti lallabuudhaan muuxannoo gaarii akkamii argatteetta?
Faarfannaa 45fi Kadhannaa