Ijoo Gabaasa Tajaajilaa
Jiʼa Onkoloolessaatti lakkoofsi qajeelchitootaa 1885 gaʼuusaa arguun baayʼee kan nama gammachiisudha. Lakkoofsi qajeelchitoota addaa yommuu itti dabalamummoo, walumatti qabaatti babalʼistoota afur keessaa tokko tajaajila yeroo guutuurratti hirmaachaa jiru jechuudha. Jiʼoota hundumaattimmoo babalʼistoonni qajeelchaa gargaaraa taʼanii tajaajilan jiru. Miira gaarii qajeelchaa taʼuudhaan argisiistan kana eeggadhaa jiraadha!
Kana malees, walgaʼiiwwan koonyaa 24 taʼanirratti namoonni lakkoofsisaanii isa hanga ammaarra caalu jechuunis namoonni17,057 taʼan argamuunsaaniifi namoonni 297 taʼanimmoo cuuphamuunsaanii baayʼee kan nama jajjabeessudha.