Sagantaa Torban Caamsaa 27 Jalqabu
TORBAN CAAMSAA 27 JALQABU
Faarfannaa 6fi Kadhannaa
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
cl boq. 6 key. 16-21 (Daq. 30)
□ Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii
Dubbisa M.Q.: Yoh. 12-16 (Daq. 10)
Lakk. 1: Yoh. 12:20-36 (Daq. 4 ykn isaa gad)
Lakk. 2: Of Jajuun Sirriidhaa?—lr boq. 21 (Daq. 5)
Lakk. 3: Yihowaan, ‘Waaqayyo Isa Nagaa Kennu’ Jedhamuunsaa Sirrii Kan Taʼe Maaliifi?—Rom. 15:33 (Daq. 5)
□ Walgaʼii Tajaajilaa:
Daq. 5: Sanbadduraa Isa Jalqabaatti Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuu. Haasaadhaan kan dhihaatu. Yaada fuula dhumaa Masaraa Eegumsaarra jirutti fayyadamuudhaan hojiin argisiisni Sanbadduraa jalqabaa jiʼa Waxabajjiitti akkamitti qayyabannaa jalqabsiisuun akka dandaʼamu argisiisu akka dhihaatu godhi. Hundisaanii qayyabannaa jalqabsiisuuf carraaqqii akka godhan jajjabeessi.
Daq. 15: Sanyii Dhaabne Bishaan Obaasuu. (1 Qor. 3:6-9) Gaaffiiwwan armaan gadiirratti hundaaʼee mareedhaan kan dhihaatu: (1) Deddeebii gaaffii yommuu gootan wanti isin gammachiisu maalidha? (2) Deddeebii gaaffii gochuu wajjin haala wal qabateen wanti namoota tokko tokkotti ulfaatu maalidha? (3) Rakkoowwan kana moʼuun kan dandaʼamu akkamitti? (4) Deddeebii gaaffii gochuun yoo nutti ulfaate gargaarsa argachuu kan dandeenyu akkamitti? (5) Nama fedhii argisiise yommuu argattan, mataduree irratti mariʼattan, barreeffama nama sanaaf kennitaniifi wantoota kanaa wajjin wal qabatan galmeeffachuuf mala akkamiitti fayyadamtu? (6) Deddeebii gaaffii gochuu keessan dura qophii akkamii gootu? (7) Deddeebii gaaffii gochuuf torban torbaniin sagantaa qabachuun gaarii kan taʼe maaliifi?
Daq. 10: “Yeroo Qayyabsiistan Viidiyootti Fayyadamaa Barsiisaa.” Mareedhaan kan dhihaatu. Dhaggeeffattoonni, Dhugaa Baatota taʼuusaanii dura viidiyoowwan keenya ilaaluunsaanii akkamitti akka isaan fayyade akka dubbatan afeeri.
Faarfannaa 10fi Kadhannaa