Torban Waxabajjii 24 Jalqabu
TORBAN WAXABAJJII 24 JALQABU
Faarfannaa 42fi Kadhannaa
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
cl boq. 8 key. 1-8 (Daq. 30)
□ Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: HoE. 8-10 (Daq. 10)
Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii (Daq. 20)
□ Walgaʼii Tajaajilaa:
Daq. 10: “Mataduree Tokko Beeksisaatii Barruu Lamaansaa Kennaafii.” Haasaadhaan kan dhihaatu. Xumura haasichaarratti, hojiin argisiisni akkaataa dhiheenyaa barreeffama jiʼa Adoolessaatti raabsamuuf qophaaʼetti fayyadamuudhaan, Sanbadduraa jalqabaatti qayyabannaa jalqabsiisuun akkamitti akka dandaʼamu argisiisu akka dhihaatu godhi.
Daq. 10: Hojiin Keenya Hojii Gatii Hin Qabne Miti. (Ibr. 6:10) Kitaaba Waggaa 2013, fuula 113-115rratti hundaaʼee mareedhaan kan dhihaatu. Dhaggeeffattoonni barumsa argatan akka dubbatan afeeri.
Daq. 10: Barreeffama jiʼa Adoolessaafi Hagayyaatti raabsamu. Mareedhaan kan dhihaatu. Qabiyyee birooshura raabsamu sanarratti ibsa gabaabaa kenni. Hojiin argisiisni lamaansaanii akkamitti raabsuun akka dandaʼamu argisiisu akka dhihaatu godhi. Hojiin argisiisni inni tokko, birooshura Misiraachoo jedhamurraa fakkii fuula 4rratti argamurratti kan hundaaʼe ykn akkaataa dhiheenyaa Tajaajila Mootummaa Bitootessa 2013rratti argamurratti kan hundaaʼe taʼuu qaba.
Faarfannaa 54fi Kadhannaa