LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 8/13 ful. 3
  • Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii
  • Tajaajila Mootummaa—2013
Tajaajila Mootummaa—2013
km 8/13 ful. 3

Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii

Gaaffileen kanaa gadi jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii torban Hagayya 26, 2013 jalqabutti kan irratti mari’atamudha. Mana barumsaa kanaaf torban torbaniin qophaa’uuf akka gargaarutti, guyyaan barumsichi itti fudhatamu caqasameera.

1. Galataafi ulfina namootarraa fudhachuu ilaalchisee, haala Herodis Mooticharraa barumsa baay’ee barbaachisaa ta’e akkamii argachuu dandeenya? (HoE. 12:21-23) [Ado. 1, w08 5/15 ful. 32 key. 7]

2. Dargaggoonni Kiristiyaana ta’an, fakkeenya Ximotewos qoruufi hordofuudhaan faayidaa argachuu kan danda’an akkamitti? (HoE. 16:1, 2) [Ado. 8, w08 5/15 ful. 32 key. 10]

3. Aqiilaafi Phrisqiilaan, Apholos mana sagadaa Efesoon keessatti ‘ija jabinaan dubbachaa’ akka ture yommuu dhaga’an, jaalalaan kaka’anii kan isa gargaaran akkamitti? (HoE. 18:24-26) [Ado. 15, w10 6/15 ful. 11 key. 4]

4. Dhugaa Baatonni Yihowaa, mana murtiitti fayyadamuudhaan mirgi lallabaasaanii akka isaaniif kabajamu kan godhan caqasa Macaafa Qulqulluu isa kamirratti hundaa’aniiti? (HoE. 25:10-12) [Ado. 22, bt-AM ful. 198 key. 6]

5. Phaawulos biyya Roomaatti hidhamee yommuu turettillee karaa ittiin lallabuu danda’u barbaadaa kan ture akkamitti? Tajaajiltoonni Yihowaa yeroo har’aahoo fakkeenyasaa hordofuu kan danda’an akkamitti? (HoE. 28:17, 23, 30, 31) [Ado. 29, bt-AM ful. 215-217 key. 19-23]

6. Macaafni Qulqulluun, saalqunnamtiin saala wal fakkaatu gidduutti raawwatamu, uumamaan ala, akkasumas gocha xuraa’ummaa akka ta’etti ibsuudhaan kan balaaleffatu maaliifi? (Rom. 1:26, 27) [Hag. 5, g-AM 1/12 ful. 28 key. 7]

7. ‘Furiin Yesus Kiristos’ inni Dh.K.B bara 33⁠tti kaffalame, ‘cubbuu isa aarsaan kun kaffalamuusaa dura raawwatameef’ dhiifama argamsiisuu kan danda’u akkamitti? (Rom. 3:24, 25) [Hag. 5, w08 6/15 ful. 29 key. 6]

8. Wanti tokko baay’ee nu dhiphisuusaatiin kan ka’e maal jennee akka kadhannu yommuu wallaallutti Yihowaan qophii jaalalarratti hundaa’e akkamii nuu godheera? (Rom. 8:26, 27) [Hag. 12, w08 6/15 ful. 30 key. 10]

9. Gorsi, “Keessummoota simachuutti dhimmaa!” jedhu hiika maalii qaba? (Rom. 12:13) [Hag. 19, w09 10/15 ful. 5-6 key. 12-13]

10. Akka gorsa Phaawulositti, ‘Gooftaa Yesus Kristosin uffachuu’ kan dandeenyu akkamitti? (Rom. 13:14) [Hag. 26, w05-AM 1/1 ful. 11-12 key. 20-22]

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi