Beeksisa
◼ Barreeffamoota raabsaman Hagayya: Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!, Waaqayyoon Dhaggeeffadhu, Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu. (Birooshura Waaqayyoon Dhaggeeffadhu jedhamu, namoota akka gaariitti dubbisuu hin dandeenyeef itti fayyadamuu dandeenya.) Fulbaanaafi Onkoloolessa: Barruulee Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! Sadaasa: Misiraachoo Mootummaa Lakk. 38.
◼ Haasaan sabaa daawwattoonni olaanaa aanaa Fulbaanaa jalqabee dhiheessan matadureensaa, ‘Misiraachoo Saba Hundumaa, Gosa Hundumaafi Afaan Dubbatamu Hundumaatiif Ta’u’ kan jedhu ta’a.
◼ Gumii Piyaassaa, Finfinnee jalatti tuutni afaan mallattoo hundeeffameera. Tuutni kun, afaan mallattootiin walga’ii kan godhu ta’uusaarrayyuu, namoota gurrisaanii dhaga’uu hin dandeenyeefi Finfinnee keessa, akkasumas naannoo sana jiraniif lallaba. Kanaafuu, naannoo tajaajilaa keessan keessa namoonni gurrisaanii hin dhageenye yoo jiraatan, yaadannoo qabadhaatii barreessaa gumii keessaniitti kennaa; innimmoo odeeffannoo kana Gumii Piyaassaa, Finfinneetti kenna. Kaayyoo kanaaf foormii “Hordofaa Gargaaraa” (S-43) jedhamu utuu fayyadamtanii filatamaadha.
◼ Gumii Aaddiis Ingilish jalatti afaan Chaayinaatiin tuutni hundeeffamuusaa yommuu isin beeksisnu gammachuu guddaatu nutti dhaga’ama. Dilbata waaree booda sa’aatii 10tti yeroo hundumaa afaan Chaayinaatiin walga’iin ni geggeeffama. Kanaafuu, namoota Chaayinaa naannoo keessanitti argaman ilaalchisee tuuta kanaaf odeeffannoo akka kennitan isin jajjabeessina. Barreessaan gumii keessanii, keessumaa foormii “Hordofaa Gargaaraa” (S-43) jedhamutti fayyadamuudhaan isin gargaaruu danda’a. Kana malees, akkuma kanaan dura beeksifame, namoota afaan Ingiliffaa ykn afaan biyya alaa kan biraa dubbatan ilaalchisee haaluma akkasiitiin Gumii Aaddiis Aababaa Ingiliishiif odeeffannoo akka kennitan isin gaafanna.