Guyyoota Ayyaanaatti Maal Gochuu Yaaddaniittu?
Guyyoota ayyaanaa kan amantiifi biyyoolessaatti namoonni hedduun manatti waan argamaniif, yeroo baay’ee yeroon kun nuuf tajaajilarratti hirmaachuuf mijaa’aadha. Gumiiwwan guyyaa ayyaanaatti dhugaa ba’uuf qophii akka godhan jajjabeeffamuu qabu. Namoonni naannoo tajaajilaa keenya keessatti argaman hedduun, guyyoota kanatti akka yeroo kaan godhan ganamaan irribaa hin dammaqan waan ta’eef, yeroo itti walga’iin tajaajila dirree godhamurratti sirreeffama gochuun gaariidha. Guyyoota ayyaanaatti lallabuuf qophiin addaa akka godhameefi obboloonni argamuu danda’an hundi akka irratti hirmaatan jajjabeessuuf, Walga’ii Tajaajilaarratti beeksisni himamuu qaba. Dhugaadha, guyyoota ayyaanaatti dhimmoota dhuunfaa hojjechuufis ta’e boqonnaadhaaf yeroo qabaanna. Haata’u malee, guyyaa kana hamma tokko maalif tajaajilaaf hin oolchinu? Yoo akkas gootan tajaajilarratti hirmaachuu keessaniin boqonnaa argattanitti baay’ee gammaddu.—Mat. 11:29, 30.