Beeksisa
◼ Barreeffamoota raabsaman Amajjiifi Guraandhala: Birooshuroota Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe! ykn Waaqayyoon Dhaggeeffadhu ykn Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu jedhaman. (Birooshura Waaqayyoon Dhaggeeffadhu jedhamu namoota akka gaariitti dubbisuu hin dandeenye ykn matummaa dubbisuu hin dandeenye gargaaruuf itti fayyadamuu dandeenya.) Bitootessaafi Ebla: Barruu Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa!
◼ Barreeffamoota haaraa mana kuusaa keenya keessa jiran: Barumsa Macaafa Qulqulluukoo (ijoollee xixinnoodhaaf) Amaariffa, Ingiliffa, Oromoo, Sidaamaa, Tigiriffa, Walaayittaa; Tiraaktota Lakk. 30, 31, 32, 33, 34, 35 afaanota kanaafi afaan hedduudhaan ni argamu; Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa (Amaariffa, Ingiliffa); Barreeffama Qorannaa Dhugaa Baatota Yihowaa Gargaaruuf Qophaaʼe (Amaariffa, Ingiliffa, Oromoo, Sidaamaa, Tigiriffa, Walaayittaa); Gaaffiiwwan Dargaggootaa—Jildii 1 (Amaariffa); Matadureewwan Maree Gochuuf Gargaaran (Oromoo); “Kottuu Na Duukaa Buʼi” (Oromoo); Za Piridigaal Riitarnis—DVDidhaan (Ingiliffa), Saba Misiraachoo Labsuuf Qindaaʼe/Guutummaa Waldaa Obbolummaa Addunyaa Maraa Keenya—DVDidhaan (Amaariffa).
◼ Barreeffamni haaraan Barreeffama Qorannaa Dhugaa Baatota Yihowaa Gargaaruuf Qophaaʼe jedhamu LAAYIBIRARII INTARNEETIIRRATTIS afaan hedduudhaan argama. Kanneen keessaa Afaan Oromoo (OM), Sidaamaa (SID), Tigiriffaafi (TI) Walaayittaa (WAL) muraasasaaniiti. Laayibrarii kana Weeb saayitii wol.jw.org jedhamutti aansuudhaan muraa (/) erga gootanii booda mallattoolee OM, SID, TI, WAL jedhaman fayyadamuudhaan argachuu ni dandeessu. Fakkeenyaaf, Laayibirariin Afaan Oromootiin wol.jw.org/om jalatti argama. Karaa kan biraanimmoo, jw.org/om banuu, achiis mataduree “Wantoota Qophaaʼan” jedhu cuqaasuudhaan, “Laayibirarii Intarneetirraa” erga argattanii booda, baafata afaanii hunda gubbaasaarratti karaa mirgaatti argattu.