Beeksisa
◼ Guraandhala: Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe! ykn Waaqayyoon Dhaggeeffadhu ykn Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu. (Birooshura Waaqayyoon Dhaggeeffadhu jedhamu namoota akka gaariitti dubbisuu ykn matumaa dubbisuu hin dandeenye gargaaruuf itti fayyadamuu dandeenya.) Bitootessaafi Ebla: Barruu Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! Caamsaa: Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? ykn Tiraaktota.
◼ Matadureen haasaa sabaa addaa 2013 tibba Ayyaana Yaadannootti dhihaatu, “Waaqni Jaalala Qabeessa Taʼe Hamminni Akka Jiraatu Kan Heyyame Maaliifi?” kan jedhudha.
◼ Minjaala ykn gaarii fayyadamnee bakka namoonni baayʼeen argamanitti yeroo lallabnu, babalʼistoonni Macaafa Qulqulluu fuullee kaaʼuu hin qaban. Haataʼu malee, namoota Macaafa Qulqulluu tokko gaafatan ykn dhugaadhaaf fedhii argisiisaniif kennuu akka dandaʼanitti Macaafa Qulqulluu harkaa qabaachuunsaanii gaariidha.
◼ Barreeffamoota haaraa mana kuusaa keenya isa Jarmanitti argamu keessa jiran: Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa Isa Fooyyeffame (Ingiliffa); Matadureewwan Maree Gochuuf Gargaaran (Walaayittaa)