Sagantaa Torban Bitootessa 3 Jalqabu
TORBAN BITOOTESSA 3 JALQABU
Faarfannaa 2fi Kadhannaa
Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
cl boq. 20, key. 1-7 (Daq. 30)
Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: Uma. 36-39 (Daq. 10)
Lakk. 1: Uma. 37:1-17 (Daq. 4 ykn isaa gadi)
Lakk. 2: td 4B Macaafni Qulqulluun Qajeelfama Bara Keenyaaf Taʼu Qabateera (Daq. 5)
Lakk. 3: Masiihiicha Isa Abdachiifame Beekuu—bh boq. 4 key. 1-9 (Daq. 5)
Walgaʼii Tajaajilaa:
Daq. 10: Jiʼa Bitootessaatti Barruulee Raabsuu. Mareedhaan kan dhihaatu. Hojiin argisiisa, akkaataawwan dhiheenyaa fuula kanarra jiranitti fayyadamuudhaan akkamitti barruulee raabsuun akka dandaʼamu argisiisuun jalqabi. Achiis, akkaataawwan dhiheenyaa kana jalqabaa hanga dhumaatti irratti mariʼadhaa. Sanbadduraafi Dilbata lamaan dhuma jiʼa kanaatti barruulee kana waraqaa afeerrii Ayyaana Yaadannoo wajjin akkamitti raabsuun akka dandaʼamu dhaggeeffattoonni yaada akka kennan gochuudhaan xumuri.
Daq. 10: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.
Daq. 10: Faayidaa Akkamii Arganne? Mareedhaan kan dhihaatu. Dhaggeeffattoonni mataduree, “Dandeettii Tajaajilarratti Qabnu Fooyyeffachuu—Namoota Fedhii Argisiisan Galmeeffachuu” jedhu hojiirra oolchuudhaan akkamitti akka fayyadaman akka dubbatan afeeri. Akkasumas muuxannoo gaarii argatan akka dubbatan gaafadhu.
Faarfannaa 1fi Kadhannaa