LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 2/14 ful. 3
  • Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii
  • Tajaajila Mootummaa—2014
Tajaajila Mootummaa—2014
km 2/14 ful. 3

Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii

Gaaffileen kanaa gadi jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii torban Guraandhala 24, 2014 jalqabutti kan irratti mariʼatamanidha.

1. Seexanni, Hewwaan maalirratti akka xiyyeeffattu godhe? Hewwaan ija mukaa dhowwamerraa nyaachuunshee maal argisiisa? (Uma. 3:6) [Ama. 6, w11 5/15 ful. 16-17 key. 5]

2. Abeel amantii cimaa qabaachuu kan dandaʼe akkamitti? Buʼaansaahoo maal ture? (Uma. 4:​4, 5; Ibr. 11:4) [Ama. 6, w13 1/1 ful. 12 key. 3; ful. 14 key. 4-5]

3. Warri ijoolleensaanii ‘jagnoota maqaa qaban’ ykn namoota addunyaarratti beekamoo taʼan akka hin ajaaʼibsiifanne eeguu kan dandaʼan akkamitti? (Uma. 6:4) [Ama. 13, w13-AM 4/1 ful. 13 key. 2]

4. Seenaa waaʼee Looxiifi haadha manaasaa Uumama 19:14-17, fi 26⁠rratti ibsamerraa barumsa maalii arganna? [Ama. 27, w03-AM 1/1 ful. 16-17 key. 20]

5. Abrahaam abdii duʼaa kaʼuu, akkasumas waadaa Yihowaan sanyichi karaa Yisihaq akka dhufu galerratti amantii akka qabu hojiidhaan kan argisiise akkamitti? (Uma. 22:1-18) [Gur. 3, w09-AM 2/1 ful. 18 key. 4]

6. Raajii Uumama 25:23⁠rratti, “isa angafatu isa quxisuudhaaf ergama” jedhurraa dhugaa barbaachisaa taʼe kam barachuu dandeenya? [Gur. 10, w03-AM 10/15 ful. 29 key. 2]

7. Abjuun Yaaqoob waaʼee yaabbannoo abjuʼate hiiknisaa maalidha? (Uma. 28:12, 13) [Gur. 10, w04-AM 1/15 ful. 28 key. 6]

8. Laabaan waaqa tolfamaa mana keessaa ykn teraafiimii hatame deebisiisuuf carraaqqii guddaa kan godhe maaliif ture? (Uma. 31:​30-​35) [Gur. 17, it-2-E ful. 186 key. 2; w04-AM 6/1 ful. 29 key. 2]

9. Uumama 32:29⁠rratti deebii ergamaan tokko Yaaqoobiif kennerraa barumsa maalii arganna? [Gur. 24, w13-AM 8/1 ful. 10]

10. Karaan rakkoowwan Dhinee mudatanii turanii wajjin wal fakkaatanirraa of eeguu itti dandeenyu tokko isa kamidha? (Uma. 34:​1, 2) [Gur. 24, w01-AM 8/1 ful. 20-21]

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi