Duulli Afeerrii Ayyaana Yaadannoo Bitootessa 22 Jalqaba
Waggaa kana, duulli namoonni Ayyaana Yaadannoorratti akka argaman afeeruuf goonu Sanbadduraa, Bitootessa 22 eegala. Babalʼistoonni hundumtuu guutummaatti akka irratti hirmaatan jajjabeessina. Sanbadduraafi Dilbata yoo barbaachisaa taʼe, barruulee yeroo sanatti raabsamanis raabsuu ni dandeenya. Sanbadduraa jalqabaa jiʼa Eblaarratti qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuu mannaa waraqaa afeerrii raabsuurratti xiyyeeffanna. Nama fedhii guddaa qabu yoo arganne garuu, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuun keenya gaariidha. Waraqaa afeerrii kana namoota hedduu naannoo tajaajilaa keenya keessa jiran biraan gaʼuuf karaarratti raabsuun gaarii taʼuufi dhiisuusaa ilaaltuun olaanaa tajaajilaa murteessuu dandaʼa. Firoota kee, namoota wajjin hojjetu, ijoollee sii wajjin baratan namoota deddeebii gaaffii gootuuf, akkasumas namoota beektu kaan afeeruu akka dandeessuuf, ammaa jalqabiitii maqaasaanii barreeffadhu; achiis yeroo duuli kun jalqabu waraqaa afeerrii kennuufi ni dandeessa. Yeroo nuti jaalala guddaa Yihowaafi Yesus nutti argisiisan yaadannu kanatti, namoonni baayʼeen nuu wajjin ni argamu jennee abdanna.—Yoh. 3:16; 15:13.