Sagantaa Torban Guraandhala 24 Jalqabu
TORBAN GURAANDHALA 24 JALQABU
Faarfannaa 10fi Kadhannaa
Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
cl boq. 19, key. 18-23 (Daq. 30)
Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: Uma. 32-35 (Daq. 10)
Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii (Daq. 20)
Walgaʼii Tajaajilaa:
Daq. 5: Sanbadduraa Isa Jalqabaatti Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuu. Haasaadhaan kan dhihaatu. Qophii tajaajilaa Sanbadduraa jalqabaa jiʼa Bitootessaatiif godhame ibsi. Akkaataa dhiheenyaa fuula 4rra jirutti fayyadamuudhaan hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi.
Daq. 15: Abdii Kutachuu Dhiisuun Faayidaa Akkamii Qaba? Kitaaba Waggaa 2013 (Ingiliffa) fuula 45, keeyyata 1 hanga fuula 46, keeyyata 1, akkasumas fuula 136-137rratti hundaaʼee mareedhaan kan dhihaatu. Dhaggeeffattoonni barumsa akkamii akka argatan akka dubbatan afeeri.
Daq. 10: “Duulli Afeerrii Ayyaana Yaadannoo Bitootessa 22 Jalqaba.” Haasaa ilaaltuu olaanaa tajaajilaatiin dhihaatu. Waraqaan afeerrii Ayyaana Yaadannoo dhaggeeffattootaaf akka kennamu erga gootee booda, qabiyyeesaa gabaabsii ibsi. Xalayaa qajeelfamaa jaarsoliidhaaf ergamerraa yaadawwan barbaachisaa taʼan caqasiitii, qophii naannoo tajaajilaa keessanitti waraqaa afeerrii kana raabsuuf godhame ibsi.
Faarfannaa 5fi Kadhannaa