Sagantaa Torban Ebla 7 Jalqabu
TORBAN EBLA 7 JALQABU
Faarfannaa 15fi Kadhannaa
Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
cl boq. 21, key. 16-21 (Daq. 30)
Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: Bau. 7-10 (Daq. 10)
Lakk. 1: Bau. 9:20-35 (Daq. 4 ykn isaa gadi)
Lakk. 2: td 7A Waldaan Kiristiyaanaa Maalidha? (Daq. 5)
Lakk. 3: Dinqisiifannaa Furichaaf Qabdu Argisiisuu Kan Dandeessu Akkamitti?—bh boq. 5 key. 18-22 (Daq. 5)
Walgaʼii Tajaajilaa:
Daq. 10: Ji’a Eblaatti Barruulee Raabsaa. Mareedhaan kan dhihaatu. Akkaataa dhiheenyaa lamaan fuula kanarra jiranitti fayyadamuudhaan hojiin argisiisni barruuleen kun akkamitti akka raabsaman argisiisu akka dhihaatu godhi. Achiis akkaataawwan dhiheenyaa kanarratti tokko tokkoon mariʼadhaa. Hundisaanii barruulee kanaa wajjin sirriitti akka wal baraniifi tajaajilarratti hinaaffaadhaan akka raabsan jajjabeessuudhaan kutaakee xumuri.
Daq. 10: Keessummoota Simachuu Hin Dagatinaa. (Ibr. 13:1, 2) Kutaa jaarsi gumii haasaadhaan dhiheessu. Ayyaana Yaadannoo ilaalchisee qophii gumichi godhe caqasi. Karaawwan hundisaanii babalʼistoota karaa hafuuraa dadhabaniifi keessummoota simachuu itti dandaʼan caqasi. Hojiin argisiisni gabaabaan kutaa lama qabu akka dhihaatu godhi. Jalqaba, babalʼisaan tokko sagantichi jalqabuusaa dura nama afeeramee dhufe tokko ennaa simatu hojiin argisiisaan akka dhihaatu godhi. Lammaffaarrattimmoo babalʼisaan sun nama fedhii argisiise sana hordofee gargaaruuf qophii yommuu godhu akka argisiisu godhi.
Daq. 10: Faayidaa Akkamii Arganne? Mareedhaan kan dhihaatu. Babalʼistoonni mataduree, “Dandeettii Tajaajilarratti Qabnu Fooyyeffachuu—Namoota Maree Keenya Dhaabsisuu Barbaadaniif Deebii Kennuu” jedhu hojiirra oolchuudhaan akkamitti akka fayyadaman akka dubbatan afeeri. Akkasumas muuxannoo gaarii argatan akka dubbatan gaafadhu.
Faarfannaa 20fi Kadhannaa