Beeksisa
Bitootessaafi Ebla: Barruulee Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! Caamsaafi Waxabajjii: Tiraaktota.
Ayyaanni Yaadannoo Wiixata, Ebla 14, 2014 (Ebla 6, 2006) kabajama. Gumiin keessan Wiixata walgaʼii kan qabu yoo taʼe, guyyaa Galma Mootummaatti walgaʼiin hin godhamne garabiraatti walgaʼicha godhachuu dandeessu. Kun kan hin dandaʼamneefi Walgaʼii Tajaajilaa keessan kan isin jalaa hambisu yoo taʼemmoo, qindeessaan qaama jaarsolii, saganticharratti sirreeffama gochuudhaan kutaawwan gumii keessaniif baayʼee barbaachisaa taʼan jiʼa sana keessatti akka dhihaatan gochuu dandaʼa.