Beeksisa
◼ Ebla: Barruulee Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! Caamsaafi Waxabajjii: Tiraaktota. Adoolessa: Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe! ykn Waaqayyoon Dhaggeeffadhu ykn Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu. (Birooshura Waaqayyoon Dhaggeeffadhu jedhamu namoota hin baranne ykn sirriitti dubbisuu hin dandeenye gargaaruuf itti fayyadamuun ni dandaʼama.)
◼ Matadureen haasaa sabaa daawwannaa marsaa lammaffaa waggaa tajaajilaa bara 2014rratti daawwataa olaanaa aanaatiin dhihaatu, “Rakkina Biyya Lafaarraa Ooluu” kan jedhu taʼa.
◼ Walgaʼii koonyaarratti argamuu ilaalchisee gorsaafi yaadachiisa Tajaajila Mootummaa kanarratti argamuufi xalayaa Hagayya 3, 2013 gumiiwwan hundaaf ergamerratti mariʼachuuf, Walgaʼii Tajaajilaa torban walgaʼii koonyaa ykn walgaʼii biyyoolessaa keessan dura jirurratti sirreeffama gochuun barbaachisaa taʼuu dandaʼa. Walgaʼiin koonyaa erga godhamee jiʼa tokko ykn lama booda, tarii kutaa akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa jedhurratti, yaadawwan walgaʼicharratti dhihaataniifi babalʼistoonni tajaajilaaf gaarii taʼanii argatanirratti mariʼadhaa.