Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii
Gaaffileen kanaa gadi jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii torban Waxabajjii 30, 2014 jalqabutti kan irratti mariʼatamudha.
Seerri buʼuuraa Baʼuu 23:2rratti argamu bohaartiifi bashannana yommuu filannutti nu gargaaruu dandaʼa kan jennu maaliifi? [Cam. 5, w11 7/15 ful. 10-11 key. 3-7]
Yaanni Baʼuu 32:10rratti caqasame, Museen yaada Yihowaa sirreessuun isa barbaachisee akka ture argisiisaa? [Cam. 19, w10 10/15 ful. 5, 6 key. 15]
Yeroo Museen gartokkoo ulfina Yihowaa argetti maaltu uumame? Nutoo seenaa kanarraa maal baranna? (Bau. 33:22, 23) [Cam. 19, cl boq. 1, ful. 14 key. 17]
Yihowaan Waaqa maqaansaa “hinaaffaa” taʼe godhamee kan ibsame maaliifi? (Bau. 34:14) [Cam. 26, w13 3/15 ful. 27 key. 11]
Muuxannoon Bazaaliʼeliifi Aholiiyab, dhuunfaatti kan nu jajjabeessu akkamitti? (Bau. 35:30-35) [Cam. 26, w10 9/15 ful. 10 key. 13]
Museen Yihowaa akka jaallatu kan argisiise akkamitti? (Bau. 40:16) [Wax. 2, w13 4/1 ful. 6]
Seerri Lewwoota 5:7rratti argamuufi Yihowaan Israaʼlootaaf kenne waaʼeesaa maal nu yaadachiisa? [Wax. 9, w09 7/1 ful. 31 key. 3]
Israaʼel durii keessatti qalmi araaraa faayidaa akkamii qaba ture? Kunoo yeroo harʼaa fakkeenya akkamii nuuf taʼa? (Lew. 7:31-33) [Wax. 16, w12 1/15 ful. 19 key. 11-12]
Museen, erga obboloonnisaanii Naadaabiifi Abiihuun duʼanii booda ilmaan Aaron kan taʼan Eleʼazaariifi Itaamaaritti kan aare maaliifi? Aariinsaa kan irraa galehoo akkamitti? (Lew. 10:16-20.) [Wax. 23, w11 2/15 ful. 12]
Bara duriitti mucaa daʼuun dubartii tokko kan ‘xureessu’ maaliif ture? (Lew. 12:2, 5) [Wax. 23, w04-AM 5/15 ful. 23 key. 2; w12 1/15 ful. 17 key .4]