Sagantaa Torban Adoolessa 7 Jalqabu
TORBAN ADOOLESSA 7 JALQABU
Faarfannaa 30fi Kadhannaa
Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
cl boq. 26, key. 1-7 (Daq. 30)
Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: Lew. 17-20 (Daq. 10)
Lakk. 1: Lew. 19:19-32 (Daq. 4 ykn isaa gadi)
Lakk. 2: td 11C Macaafni Qulqulluun Waa’ee Ergamoota Cubbuu Hojjetanii Maal Jedha? (Daq. 5)
Lakk. 3: Ragaa “Guyyoota Gara Dhumaa” Keessa Jiraachuu Keenya Argisiisaniif Ilaalcha Akkamii Qabda?—bh boq. 9, key. 15-18 (Daq. 5)
Walgaʼii Tajaajilaa:
Daq. 10: Ji’a Adoolessaatti Barruulee Raabsaa. Mareedhaan kan dhihaatu. Akkaataa dhiheenyaa lamaan fuula kanarratti argamutti fayyadamuudhaan, hojiin argisiisni barruuleen akkamitti akka raabsaman argisiisu akka dhihaatu gochuudhaan jalqabi. Achiis akkaataa dhiheenyaa sana jalqabaa hanga xumuraatti irra deebiʼi ibsi. Hundisaanii barruulee sana sirritti erga dubbisanii booda, tajaajilarratti hinaaffaadhaan akka raabsan jajjabeessuudhaan kutaakee xumuri.
Daq. 10: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.
Daq. 10: Maal Raawwanneerra? Barreessaa gumichaatiin mareedhaan kan dhihaatu. Wanta tibba Ayyaana Yaadannootti raawwatame erga caqastee booda, sochii gumichi godheef galateeffadhu. Dhaggeeffattoonni waraqaa afeerrii Ayyaana Yaadannoo yeroo raabsan ykn qajeelchaa gargaaraa yeroo taʼanitti muuxannoo argatan akka dubbatan afeeri.
Faarfannaa 24fi Kadhannaa