Ijoo Gabaasa Tajaajilaa
Jiini Guraandhalaa, babalʼistoota, barruulee raabsamanii fi qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu geggeeffamanii wajjin haala wal qabateen jiʼa lakkoofsi haaraan itti galmeeffamee fi jiʼa tajaajila irratti sochiin addaa itti godhame dha! Akkasumas, jiʼi kun jiʼa naannoowwan tajaajilaa duulli addaa itti godhame keessatti, muuxannoowwan gaggaariin itti argamani dha; namoonni fedhii qaban Ayyaana Yaadannoo irratti akka argaman afeeruu kan eegalles jiʼa kanatti ture. Babalʼistoonni hedduun qajeelchaa gargaaraa taʼanii tajaajilaniiru. Walumaagalatti, babalʼistoota gabaasa godhan 9,837 keessaa parsantiin 44, jechuunis gara walakkaan isaanii qajeelchitoota turan. Kanattis baayʼee gammanneerra!