LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 10/14 ful. 4
  • Sagantaa Torban Sadaasa 3 Jalqabu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sagantaa Torban Sadaasa 3 Jalqabu
  • Tajaajila Mootummaa—2014
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • TORBAN SADAASA 3 JALQABU
Tajaajila Mootummaa—2014
km 10/14 ful. 4

Sagantaa Torban Sadaasa 3 Jalqabu

TORBAN SADAASA 3 JALQABU

Faarfannaa 50⁠fi Kadhannaa

Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:

cl boq. 31 key. 17-23 (Daq. 30)

Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:

Dubbisa M.Q.: Kes. 14-18 (Daq. 10)

Lakk. 1: Kes. 15:16–16:8 (Daq. 4 ykn isaa gadi)

Lakk. 2: td 19B Amantiin Hundi Wanta Gaarii Qabaa? (Daq. 5)

Lakk. 3: Ijoolleen Maatiin Gammachuu Akka Argatu Gochuu Kan Dandaʼan Akkamitti?—bh boq. 14 key. 17-21 (Daq. 5)

Walgaʼii Tajaajilaa:

Yaada Ijoo Jiʼichaa: ‘Dubbicha miira ariifannaatiin lallabi.’—2 Xim. 4:2, NW.

Faarfannaa 45

Daq. 10: Ijoolleen Tajaajilaaf Akka Qophaaʼan Gargaaraa. Mareedhaan kan dhihaatu. Viidiyoo Become Jehovah’s Friend—Let’s Go in Service jedhamu taphachiisi ykn yaada achirra jiru gabaabsii ibsi (jw.org irratti, BIBLE TEACHINGS > CHILDREN jalatti argatta.) Gaaffiiwwan armaan gadii ijoollee gaafadhu: Boorsaa tajaajilaa qabduu? Boorsaa keessan keessatti maalfaa qabattu? Wanti Soofiyaan jalqaba boorsaashee keessa keesse maal ture? Wantoonni dabalataa ishee barbaachisan maalfaʼi? Wanta tajaajilaaf ishee barbaachisu boorsaashee keessa erga kaaʼattee booda, wanti barbaachisaan haadhashee wajjin gochuuf turte maalidha? Ijoollee keessaa tokko filadhuutii hojiin argisiisa ennaa barruu raabsan argisiisu akka dhiheessan godhi.

Daq. 10: Obboloonni Tokko Tokko Miira Ariifannaatiin Kan Lallaban Akkamitti? Jaarsa gumiitiin kan dhihaatu; babalʼistoota sochii tajaajilarratti godhan guddifachuuf ykn qajeelchaa taʼuuf jecha sagantaasaanii sirreessuuf tarkaanfii fudhatan lama ykn sadiif gaafannoo godhi. Sagantaa gumichi walgaʼii tajaajila dirreetiif godhe gabaabaatti ibsuudhaan, akkasumas hundisaanii tarkaanfiiwwan guutummaatti tajaajilarratti hirmaachuuf isaan dandeessu akka fudhatan jajjabeessuudhaan xumuri.

Daq. 10: Tajaajilli Keessan Kan Fooyyaʼe Akkamitti? Ilaaltuun olaanaa tajaajilaa mareedhaan kan dhiheessu. Matadureewwan “Dandeettii Tajaajilarratti Qabnu Fooyyeffachuu” jedhaniifi dhiheenyatti fudhataman bifa tajaajilaa garaagaraarratti guddina gochuuf kan isaan gargaaran akkamitti akka taʼe akka dubbatan dhaggeeffattoota afeeri. Yaadawwan matadureewwan kanarratti ibsaman hojiirra oolchuudhaan miira ariifannaatiin lallabuusaanii akka itti fufan jajjabeessuudhaan xumuri.

Faarfannaa 17⁠fi Kadhannaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi