Beeksisa
◼ Muddee: Tiraaktota ykn kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisaa? jedhamu. Amajjii fi Guraandhala: Birooshuroota Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe! ykn Waaqayyoon Dhaggeeffadhu ykn Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu jedhaman. (Birooshura Waaqayyoon Dhaggeeffadhu jedhamu namoota akka gaariitti dubbisuu hin dandeenye ykn matummaa dubbisuu hin dandeenye gargaaruuf itti fayyadamuu dandeenya. Kunimmoo ijoollees ni dabalata.) Bitootessaa: Barruu Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa!
◼ Ayyaanni Yaadannoo 2016, Roobii, Bitootessa 23, 2016tti kabajama.
◼ Amajjii 1, 2015 eegalee, qophiin jiʼi galee Sanbadduraa isa jalqabaatti qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf godhamee ture ni hafa. Iddoosaa, babalʼistoonni akkuma Sanbadduraa isa kaanii barruulee raabsuusaanii itti fufu. Barruulee ykn barreeffamoota qayyabsiisuuf gargaaran kaanitti fayyadamuudhaan yeroo kamittiyyuu qayyabannaa Macaafa Qulqulluu afeeruun ni dandaʼama.
◼ Waggoota hedduudhaaf, obboloonni qeentee taʼan Mana Barumsaa Leenjii Tajaajiltootaa galanii akka leenjiʼaniif Keeniyaatti ergaa turreerra. Kunimmoo hojii Mootummichaa Itoophiyaa keessatti raawwatamurratti buʼaa guddaa argamsiiseera. Haataʼu malee, obboloonni dandeettii qaban hedduun hanqina afaaniitiin kan kaʼe leenjii kana fudhachuuf Keeniyaa deemuu hin dandeenye. Amma garuu, Qaamni Olaanaan Manni Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa Finfinnee keessatti akka hundeeffamu heyyamuusaa yommuu isin beeksifnu gammachuu guddaatu nutti dhagaʼama! Manni barumsichaa Amaariffaan geggeeffama. Manni barumsaa kun mooraa waajjira damee keenyaa keessatti kan ijaaramu yommuu taʼu, xumura waggaa tajaajilaa kanatti hojii eegala jennee abdanna.