Beeksisa
◼ Amajjii fi Guraandhala: Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe! ykn Waaqayyoon dhaggeeffadhu ykn Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu afaan nama haasofsiistaniif taʼu kamiin iyyuu raabsaa. (Birooshura Waaqayyoon Dhaggeeffadhu jedhamu namoota akka gaariitti dubbisuu hin dandeenye ykn matummaa dubbisuu hin dandeenye gargaaruuf itti fayyadamuu dandeenya. Kun ijoollees ni dabalata.) Bitootessaa fi Ebla: Barruu Masaraa Eegumsaa fi Dammaqaa!
◼ Mata dureen haasaa sabaa daawwannaa marsaa lammaffaa waggaa tajaajilaa bara 2015 irratti daawwataa ol aanaa aanaatiin dhihaatu, “Doʼiin Addunyaa Kanaa Jijijjiiramaa Jira” kan jedhu taʼa.