Sagantaa Torban Guraandhala 2 Jalqabu
TORBAN GURAANDHALA 2 JALQABU
Faarfannaa 13 Fi Kadhannaa
Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
jl Barumsa 23-24 (Daq. 30)
Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: Abo. 8-10 (Daq. 8)
Lakk. 1: Abo. 8:13-27 (Daq. 3 ykn isaa gadi)
Lakk. 2: Macaafa Qulqulluu Kan Barreesse Eenyudha?—igw ful. 6 key. 1-5 (Daq. 5)
Lakk. 3: Waaqayyoof Of Murteessuudhaan Cuuphamuufi Hiika Inni Qabu—bh boq. 18 key. 20-25 (Daq. 5)
Walgaʼii Tajaajilaa:
YAADA IJOO JIʼICHAA: ‘Karaa hundumaan of gad deebisuudhaan, gooftaadhaaf hojjedhaa.’—HoE. 20:19.
Daq. 10: Jiʼa Guraandhalaatti Barruulee Raabsuu. Mareedhaan kan dhihaatu. Jalqaba hojiin argisiisni akkaataawwan dhiheenyaa fuula kana irra jiru lamaanitti fayyadamuudhaan barreeffama yeroo kennan argisiisu akka dhihaatu godhi. Achii, akkaataawwan dhiheenyaa kana jalqabaa hanga dhumaatti irratti mariʼadhaa.
Daq. 10: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.
Daq. 10: Faayidaa Akkamii Arganne? Mareedhaan kan dhihaatu. Obboloonni mata duree, “Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Namoota Dheekkamaniif Deebii Kennuu” jedhu hojii irra oolchuudhaan faayidaa akkamii akka argatan akka dubbatan afeeri. Akkasumas, muuxannoo gaarii argatan gaafadhu.
Faarfannaa Haaraa “Ija Jabina Nuu Kenni” Jedhuu Fi Kadhannaa
Hubachiisa: Gumichi faarfannaa haaraa kana faarfachuu isaa dura, al tokko muuziqaa faarfannichaa guutummaa isaa dhageessisaa.