Ijoo Gabaasa Tajaajilaa
Biyya keenyatti tajaajilli addaa magaalaa gurguddaa keessatti raawwatamuu fi waajjira dameetiin qindeeffamu iddoo garaa garaatti hojjetamaa jira. Magaalota kanaan dura caqasaman malees tajaajilli kun magaalota armaan gadii keessattis jalqabameera: Arbaa Minci, Dirree Dawaa, Harar, Hawaasaa, Jimmaa, Naqamtee, Shaashamannee, Sooddoo fi Ziwaayi. Buʼaan argames baayʼee kan nama gammachiisu dha. Fakkeenyaaf, obboloonni Hawaasaa keessatti argaman guyyaa tokko keessatti kitaabota 500 fi tiraaktota 6,000 ol raabsaniiru. Dabalataanis, gumiiwwan Finfinnee keessatti argaman afur naannoo tajaajilaa isaanii keessatti haala kanaan tajaajiluuf qophii godhaniiru. Dhimma kanaaf akka isaan tajaajiluufis gaarii fi barreeffamoota ajajatanii fudhataniiru. Gumiiwwan kaanis yeroo dhihootti ni jalqabu jennee abdanna.