Beeksisa
◼ Bitootessaa fi Ebla: Barruu Masaraa Eegumsaa fi Dammaqaa! Caamsaa fi Waxabajjii: Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? ykn tiraaktota armaan gadii keessaa tokko: Macaafa Qulqulluudhaaf ilaalcha akkamii qabda? (T-30), Yeroo gara fuulduraatiif ilaalcha akkamii qabda? (T-31), Maatiin gammachuu akka argatu kan godhu maalidha? (T-32), Addunyaa kana kan toʼatu eenyudha? (T-33), Rakkinni ni badaa? (T-34), Namoonni duʼan deebiʼanii jiraachuu dandaʼuu? (T-35), Mootummaan Waaqayyoo Maalidha? (T-36), Gaaffiiwwan Gurguddaa Jireenya Keessatti Nu Mudataniif Eessaa Deebii Argachuu Dandeenya? (T-37), Dhugaasaa Beekuu Barbaaddaa? (kt).
◼ Ayyaanni Yaadannoo Jimaata, Bitootessa 25, 2007 (April 3, 2015) kabajama. Gumiin keessan guyyaa Jimaataa irratti walgaʼii gumii kan geggeeffatu yoo taʼe, guyyaa gara biraa Galmi Mootummaa itti duwwaa taʼutti jijjiiramuu qaba. Walgaʼiin Tajaajilaa dirqama hafuu qaba yoo taʼe immoo, kutaawwan gumiidhaaf barbaachisan jiʼicha keessatti akka fudhatamaniif qindeessaan qaama jaarsolii sagantaa Walgaʼii Tajaajilaa irratti jijjiirama gochuu qaba.