Ijoo Gabaasa Tajaajilaa
Waggaa tajaajilaa darbetti baayʼinni babalʼistootaa parsantii 3n dabaleera. Namoonni 513 kan cuuphaman yommuu taʼu 22 immoo dubbisuu fi barreessuu barataniiru. Babalʼistoota haaraa kanaa fi namoota dubbisuu dandaʼuudhaan nyaata hafuuraa ofuma isaaniitiin nyaachuu jalqaban miira hoʼaadhaan isaan simanna. Barsiistota isaaniis kan galateeffannu yommuu taʼu, namoota akkasii gargaaruu isaanii akka itti fufanis ni jajjabeessina. Raabsama barreeffamootaa ilaalchisee, barruuleen parsantii 23n, kitaabonni parsantii 38n, akkasumas birooshuroonni (tiraaktota dabalatee) parsantii 845n dabaleera. Kun namoonni hedduun dhugaa Dubbii Waaqayyoo keessatti argamuu fi dinqisiisaa taʼe akka baratan gochuu waan dandaʼuuf baayʼee kan nama gammachiisu dha. Kanaaf, barreeffamoota keenya, keessumaa immoo barruulee fi tiraaktota keenya akka gaariitti itti haa fayyadamnu. Akkasumas namoota fedha qaban yommuu argattan yaadannoo qabachuudhaan hordoftanii sanyii facaastan ‘obaasuu’ keessan akka itti fuftan isin jajjabeessina.—1 Qor. 3:6.