Xalayaa Qaama Ol Aanaa Irraa Ergame
Obboloota Jaallatamo:
“Nuyi kadhata keenya keessatti maqaa keessan dhoofnee, yeroo hundumaa waaʼee hunduma keessaniif Waaqayyoon in galateeffanna. Fuula Waaqayyo keenyaa fi abbaa keenyaa duratti hojii amantii keessanii, jaalalaaf dadhabuu keessan, [“hojii jaalalaan kakaatanii hojjettan,” NW] gooftaa keenya Yesus Kristosiin abdachuutti jabaachuu keessanis in yaadanna.” (1 Tas. 1:2, 3) Jechoonni kun miira nuti isiniif qabnu akka gaariitti kan ibsani dha! Isiniifis taʼe hojii gaarii isin raawwachaa jirtaniif Yihowaa galateeffanna. Maaliif?
Waggaa darbe Mootummichaa wajjin haala wal qabateen ‘hojii amantiitti qabamtanii’ akkasumas ‘jaalalaan kakaatanii hojjechaa’ turtan. Baayʼeen keessan karaa itti tajaajila keessan balʼifattan barbaadaa turtan. Tokko tokko bakka labsitoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisanitti tajaajiluudhaaf naannoo ykn biyya kan biraa deemaniiru. Kaan immoo bakka namoonni hedduun argamanitti lallabuudhaan tajaajila isaanii balʼifataniiru. Warri kaan immoo tibba Ayyaana Yaadannootti, yeroo ilaaltuun ol aanaa aanaa gumii isaanii daawwatutti ykn yeroo duulli addaa Hagayya 2014tti godhametti qajeelchaa gargaaraa taʼuuf kakaʼaniiru. Haalli isin keessa jirtan garaa gara taʼus, garaa guutuu Yihowaadhaaf hojjechaa akka jirtan argineerra. Kanaafuu baayʼee isin galateeffanna. (Qol. 3:23, 24) Dhuguma iyyuu ‘hojiin amantii keessanii’ Yihowaa galateeffachuudhaaf sababa nuu taʼa!
Akkasumas hojiiwwan ijaarsaa tiʼookraasii garaa garaa addunyaa maratti hojjetamu irratti hirmaachuuf ‘jaalalaan kakaatanii hojjechuu keessan’ baayʼee dinqisiifanna. Baayʼinni saba Yihowaa dabalaa waan jiruuf gamoowwan akkasii baayʼee nu barbaachisu. (Isa. 60:22) Mee yaadaa, waggaa darbetti baayʼinni babalʼistootaa inni ol aanaan 8,201,545 siʼa taʼu, idaʼamni qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jiʼa jiʼatti geggeeffame 9,499,933 ture. Sababa guddina kanaatiin kan kaʼe wajjiraalee damee hedduutu balʼifame ykn haareffame. Kun immoo Galmawwan Mootummaa hedduun akka nu barbaachisan kan argisiisu dha! Akkasumas hiiktonni keenya bakka afaan isaanii itti dubbatamu keessa jiraachaa achitti akka hojjetaniif addunyaa maratti waajjiraaleen hiikkaa hedduun ni barbaachisu.
Kanaafuu, ‘Hojii ijaarsaa kana deggeruuf maal gochuun dandaʼa?’ jennee of gaafachuu dandeenya. Nu keessa tokko tokko fedhiidhaan hojii ijaarsaa kana irratti hirmaachuu dandeenya taʼa. Hojii ijaarsaa irratti muuxannoo kan qabnus taane kan hin qabne hundi, qabeenya keenyaan hojiiwwan ijaarsaa kana deggeruuf mirga arganneerra. (Fak. 3:9, 10) Yeroo godoon qulqullummaa ijaaramaa turetti Israaʼeloonni hamma waan tokko iyyuu akka hin fidne dhorkamanitti kennuudhaaf kakaʼanii turan. (Bau. 36:5-7) Fakkeenyi Macaafa Qulqulluu irratti argamu akkasii garaa keenya akka tuquu fi akka nu kakaasu hin shakkisiisu. Sababni kan biraan Yihowaa akka galateeffannu nu taasisu, tajaajila qulqulluu barbaachisaa taʼe kana deggeruuf jecha ‘jaalalaan kakaatanii hojjechuu’ keessani dha!
Keessumaa obboloota keenya jabaatanii dhaabatan yeroo arginu sababa itti gammannu qabna. Fakkeenyaaf, obboloota keenya Kooriyaa Kibbaa keessatti argaman ilaalaa. Bara 1950 irraa eegalee, obboloonni dargaggoota taʼan dhimmoota siyaasaa irraa walaba taʼuu isaanii irraan kan kaʼe hidhamaa jiru. Obboloonni keenya kun utuu hin raafamin rakkina kana jabinaan dandaʼaa jiru. Jabinni isaan argisiisan kun amantii keenya nuuf cimsa!
Ertiraa keessatti, obboloonni keenya sadii waggaa 20 oliif hidhamanii jiru. Warri kaan immoo, obboleettotaa fi ijoollee isaanii dabalatee yeroo muraasaaf hidhamaa jiru. Akka isaan hiikamaniif carraaqqii hedduun godhamus, matumaa hin milkoofne. Obboloonni keenya garuu ejjennoo isaanii hin laaffisne. Haala gadhee keessa jiraatanis amanamummaa isaanii eeggataniiru. Obboloota keenya amanamoo taʼan kana kadhannaa keenya keessatti isaan yaadanna.—Rom. 1:8, 9.
Dhugaa dha, baayʼeen keessan sababa amantii keessaniitiin kan kaʼe hin hidhamne. Taʼus dulluma, dhukkuboota fayyuu hin dandeenye, mormii hiriyaa gaaʼelaa ykn firoota irraa mudatu, akkasumas rakkina dhuunfaa isiniin qofa beekamuu wajjin walʼaansoo gochaa jirtu. Haa taʼu malee amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluu keessan itti fufaa jirtu! (Yaq. 1:12) Gama kanaanis baayʼee isin galateeffanna! Jabaattanii dhaabachuun keessanis Yihowaa galateeffachuuf sababa nuu taʼa.
Eeyyee, hojiin amantii keessanii, jaalalaaf dadhabuun keessanii fi waan hundumaatti jabaachuun keessan ‘Waaqayyo gaarii waan taʼeef akka isaaf galata galchinu’ nu kakaasa. (Far. 106:1) Hunda keessan iyyuu baayʼee jaallanna, akkasumas barabaraaf akka isa tajaajiltaniif Yihowaan akka isin jabeessu, akka isin gargaaruu fi akka isin eebbisu kadhanna.
Obboloota keessan,
Qaama Ol Aanaa Dhugaa Baatota Yihowaa