Ijoo Gabaasa Tajaajilaa
Walgaʼiiwaan naannoo, 24n walitti aananii geggeeffaman irratti namoonni 16,609 taʼan kan argaman siʼa taʼu, 293tu cuuphame. Baayʼinni qajeelchitoota yeroo hundaa walumatti qabaatti 2,026 dha. Namoota fedhii qabaniif dhugaa baʼuudhaaf, tiraaktota 200,000 ol taʼantu raabsame. Akkasumas, guyyaa guyyaatti namoota kumaan lakkaaʼamantu weeb saayitii keenya jw.org fayyadama. Kanaafuu, misiraachichi sirriitti lallabamaa jira!
Ijoon gabaasa tajaajilaa inni kan biraan immoo, Macaafni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa guutummaan isaa afaan Amaariffaatiin akka baʼe miseensa Qaama Ol Aanaa kan taʼe obboleessa keenya Jeefrii Jaaksaniin Muddee 13, 2014tti kan beeksifame taʼuu isaa ti. Qophiin adda taʼe kun dhaggeeffattoota 10,180 taʼanii fi iddoowwan 59tti argamaniif intarneetii fi bilbilaan darbeera! Macaafni Qulqulluun kun baʼuun isaa, Yihowaa isa Dubbii isaa barreessise kan beeksisu siʼa taʼu, ulfinas isaaf argamsiisa! Akkasumas, namoota fedhii qabaniifis taʼe obboloota keenyaaf Macaafa Qulqulluu qayyabachuun salphaa, faayidaa guddaa kan argamsiisuu fi caalaatti kan nama gammachiisu akka taʼu godha!