Ijoo Gabaasa Tajaajilaa
Macaafni Qulqulluun Afaan Amaariffaa erga baʼee booda torban jiranitti galateeffannaa fi miira hoʼaadhaan kitaaba kana koppii kuma kudhaniin lakkaaʼamu namoota fedhii qabaniif raabsitaniittu. Namoota kaan fayyaddaniittu; deebii gaarii isaan kennaniinis gammachuu dabalataa argattaniittu! Hojii kana akka itti fuftan ni abdanna. Mata duree gaarii “Dubbii Waaqayyoo Irraa Barachuu” jedhuu fi seensa Macaafa Qulqulluu kanaa irratti argamutti fayyadamuudhaan, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu haaraa jalqabsiisuu dandeessu! Wanti kan biraan nu gammachiisu immoo obboleessi keenya Riitanbaak waajjira muummee irraa dhufee walgaʼii addaa nuu gochuu isaa ti. Yeroo kanatti namoonni iddoowwan 80tti walgaʼanii fi 12,121 taʼan qophii hafuuraa kana irraa fayyadamaniiru. Waaʼee Yihowaa wanta baranne namoota kaanitti himuun mirga guddaa dha!