LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 7/15 ful. 1
  • Sagantaa Torban Adoolessa 13 Jalqabu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sagantaa Torban Adoolessa 13 Jalqabu
  • Tajaajila Mootummaa—2015
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • TORBAN ADOOLESSA 13 JALQABU
Tajaajila Mootummaa—2015
km 7/15 ful. 1

Sagantaa Torban Adoolessa 13 Jalqabu

TORBAN ADOOLESSA 13 JALQABU

Faarfannaa 28 Fi Kadhannaa

Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:

cf boq. 7, key. 17-21, saanduqa ful. 88 (Daq. 30)

Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:

Dubbisa M.Q.: 1 Mot. 9-11 (Daq. 8)

Lakk. 1: 1 Mot. 9:24–10:3 (Daq. 3 ykn isaa gadi)

Lakk. 2: Dubbii Waaqayyoo Garaatti Fudhachuudhaan Dhiphina Hirʼisaa—igw ful. 24 key. 4–ful. 25 key. 2 (Daq. 5)

Lakk. 3: Guyyoota Ayyaanaa Kabajuu Qabnaa?—bh 222-223 (Daq. 5)

Walgaʼii Tajaajilaa:

Yaada Ijoo JiʼIchaa: ‘Dhaqaa bartoota koo godhaa.’—Mat. 28:19, 20.

Faarfannaa 17

Daq. 10: Dhaqaa Bartoota Koo Godhaa. Haasaa yaada ijoo jiʼichaa irratti hundaaʼe. Qabxiilee kitaaba, “Kottuu Ana Duukaa Buʼi!” jedhamu fuula 101-104 irratti argaman dabalii dhiheessi. Kutaawwan Walgaʼii Tajaajilaa jiʼa kanatti fudhataman tokko tokkoo fi akkaataa isaan yaada ijoo jiʼichaa wajjin itti wal qabatan ibsi.

Daq. 10: Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuuf Dammaqoo Turan. Kitaaba Waggaa 2015, fuula 55, keeyyata 1 hanga fuula 56, keeyyata 1, akkasumas fuula 69, keeyyata 2-5 irratti hundaaʼee mareedhaan kan dhihaatu. Barumsa irraa argatan akka dubbatan dhaggeeffattoota afeeri.

Daq. 10: “Bartoota Gochuu Irratti Xiyyeeffadhaa.” Gaaffii fi deebiidhaan kan dhihaatu. Babalʼisaa qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuu fi geggeessuu irratti milkaaʼina qabu tokko ykn lamaaf gaafannoo gabaabaa godhi. Namni tokko dhugaa akka beeku gargaaruudhaan gammachuu akkamii argatan?

Faarfannaa 16 Fi Kadhannaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi