LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 7/15 ful. 1
  • Bartoota Gochuu Irratti Xiyyeeffadhaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Bartoota Gochuu Irratti Xiyyeeffadhaa
  • Tajaajila Mootummaa—2015
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Hojii Barattoota Gochuu Irratti Hirmaachuu ni Dandeessaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
  • Dhugaa Barsiisuu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
  • Deddeebii Gaaffii Bu’a Qabeessa Ta’e Gochuuf Qophiin Barbaachisaadha
    Tajaajila Mootummaa—2008
  • ‘Dhaqaatii Namoota Barattoota Godhaa’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2015
km 7/15 ful. 1

Bartoota Gochuu Irratti Xiyyeeffadhaa

1. Namoonni akka fayyan maaltu barbaachisa?

1 Gabaasni tajaajila waggaa 2014 hinaaffaa tajaajiltoota Waaqayyoo fi murtoo isaan misiraachoo Mootummichaa lallabuuf godhan kan argisiisu dha. (Mat. 24:14) Tajaajila manaa gara manaatti goonuun, duulawwan addaa tiraaktotaa fi waraqaawwan afeerrii itti raabsinuun, akkasumas tajaajila bakka namoonni itti baayʼatanitti godhamutti fayyadamnee ergaa Macaafa Qulqulluu yeroo kam iyyuu caalaa namoota baayʼeedhaan gaʼuu dandeenyeerra. Haa taʼu malee, namoonni akka fayyan yoo barbaadame, Macaafa Qulqulluu isaan qayyabsiisuudhaan bartoota Yesus akka taʼan gargaaruu qabna.—1 Xim. 2:4.

2. Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf yeroo hunda dammaqoo taʼuuf gaaffiiwwan kamfaa of gaaffachuu qabna?

2 Qayyabannaa Jalqabsiisuuf Yeroo Hunda Dammaqoo Taʼaa: Namni tokko fedhii akka qabu yommuu argisiisu, teessoo isa argachuu itti dandeessan argachuuf yaaluudhaan, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuu sammuutti qabattanii daftanii isa bira ni deemtuu? Dhiheenyatti guyyuma jalqabaatti qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf kan yaalte yoomi? Namoota barruu kennituuf Macaafa Qulqulluu akka qayyabatan yeroo dhumaatiif kan afeerte yoomi? Viidiyoo Macaafa Qulqulluu Qayyabachuu Kan Qabnu Maaliifi? jedhuu fi Qayyabannaan Macaafa Qulqulluu Akkamitti Geggeeffama? jedhu namoota wajjin hojjettan, wajjin barattan, olloota keessan, firootaa fi namoota beektan kaanitti argisiistaniittuu? Minjaala ykn gaariitti fayyadamtanii yommuu lallabdan, namoota barreeffama Macaafa Qulqulluu ittiin qayyabsiisnu fudhatanitti kaffaltii malee Macaafa Qulqulluu akka qayyabsiisnu ni himtuu?

3. Dhugaa namoota barsiisuu irratti milkaaʼina argachuuf maaltu nu barbaachisa?

3 Gargaarsa Yihowaa Fi Yesus Irraa Argamu: Yesus ajaja “bartoota koo godhaa!” jedhu yeroo kennu, jecha “dhaqaa” jedhuun jalqabe. Haa taʼu malee, hojii kana numaaf dhiisuu mannaa nuu wajjin akka taʼu waadaa galeera. (Mat. 28:19, 20) Kana malees, Yihowaan hafuura isaa, akkasumas meeshaalee fi leenjiiwwan namoota dhugaa barsiisuuf nu gargaaran nuu kenneera. (Zak. 4:6; 2 Qor. 4:7) ‘Fedhii’ fi ‘kakaʼumsa’ (NW) hojii barbaachisaa taʼe kana irratti hirmaachuuf nu gargaaru qabaachuuf kadhachuu ni dandeenya.—Filp. 2:13.

4. Bartoota gochuu irratti xiyyeeffachuu kan qabnu maaliifi?

4 Misiraachicha lallabuun gammachuu guddaa nuuf argamsiisa. Haa taʼu malee, nama tokko dhugaa ennaa barsiisnuu fi ‘karaa gara jireenyaatti geessu’ irra nuu wajjin akka deemu ennaa gargaarru gammachuun keenya ni dabala. (Mat. 7:14; 1 Tas. 2:19, 20) Hunda caalaa immoo, bartoota gochuu irratti kan xiyyeeffannu yoo taʼe, Yihowaa isa “namoonni hundinuu yaada garaa isaanii akka geddaratan malee, garri tokko iyyuu akka badan . . . hin barbaanne” gammachiisna.—2 Phe. 3:9.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi