Deddeebii Gaaffii Bu’a Qabeessa Ta’e Gochuuf Qophiin Barbaachisaadha
1 Yesus bartoonnisaa “wangeela mootummaa Waaqayyoo” karaa bu’a qabeessa ta’een akka lallaban akka gaariitti isaan qopheessee ture. (Mat. 4:23; 9:35) Yesus leenjii kana kan isaanii kenne yommuu naannoo Phalestiinaa qofaatti tajaajilaa turettidha. Haata’u malee, Yesus gara samiitti ol ba’uusaa dura, ‘saba hundumaa bartoota gochuuf’ tajaajilli Kiristiyaanummaa bal’inaan akka raawwatamu beeksiseera.—Mat. 28:19, 20.
1. Tajaajilli Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa babal’achuu kan qabu karaa kamiin ture?
2 Hojiin sun, namoota misiraachoo Mootummaa Waaqayyootiif fedhii argisiisan deddeebi’anii gaafachuufi wanta Kiristos ajaje hundumaa akka eegan barsiisuu kan dabalatu ture. Nuyis deddeebii gaaffii bu’a qabeessa ta’e gochuuf, akka gaariitti qophaa’uun keenya barbaachisaadha.
2. Ajaja Yesus namoota ‘bartoota akka goonu’ nuu kenne hojiirra oolchuun maal kan dabalatudha?
3 Karoora Baafadhu: Babal’istoonni tokko tokko dhuma maree guyyaa duraa godhanirratti gaaffii yeroo itti aanu deebisan kaasuuf carraaqqii godhu. Babal’istoonni kun yommuu deddeebii gaaffii godhan kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluurraa deebii kennuunsaanii, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf akka isaan gargaare hubataniiru.
3. Yeroo jalqaba maree gootanittillee deddeebii gaaffiitiif haala mijeessuu kan dandeessu akkamitti?
4 Ji’atti barruu lama raabsina jechuun, hanga maxxansi itti aanu nu ga’utti deddeebii gaaffii hin goonu jechuu miti. Yaadawwan barruu nama sanaaf kenninerra jiranirratti mari’achuudhaan, fedhii namichaa kakaasuun ni danda’ama.
4. Deddeebii gaaffii gochuuf, hanga barreeffamni ji’a itti aanuu nu ga’utti eeguu kan hin qabne maaliifi?
5 Galma Qabaadhu: Deebitee dhaquukee dura, yaada nnookee ilaaluufi maal raawwachuu akka qabdu murteessuuf daqiiqaa muraasa ramadi. Fakkeenyaaf, barruu duraan namichaaf kenniterraa yaada tokkorratti mari’adhaa. Yookiinimmoo barreeffama yaada duraan irratti mari’attan ibsu kan biraa kenniif. Yeroo darbe gaaffii kaasteetta taanaan, galmikee gaaffii sanaaf deebii kennuus akka dabalatu beekamaadha. Caqasa yaada irratti mari’achaa jirtan deggeru tokko yommuu ibsitu, kallattiidhaan Macaafa Qulqulluurraa dubbisuuf carraaqqii godhi.
5. Yeroo deddeebii gaaffii gootu galma baafachuunkee faayidaa maalii qaba?
6 Galma Keenya: Galmi keenya qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuu akka ta’e beekamaadha. Obboleessi tokko yommuu deddeebii gaaffii godhu, namichi qayyabannaa Macaafa Qulqulluu akka jalqabu afeere. Namichi garuu afeerrii kana fudhachuu dide. Haata’u malee, obboleessi kun barreeffamoota haaraa qabatee dhaquudhaan, “Gaaffii Macaafa Qulqulluu tokko namootaaf deebisaa jirra” jedheen. Obboleessi kun yaada namichaa erga dhaggeeffatee booda, caqasa tokkoofi kitaaba Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuuf gargaarurraa keeyyata yaada kana ibsu tokko dubbiseef. Kunis qayyabannaa Macaafa Qulqulluu dhaabbataa ta’e akka jalqaban godhe.
6. Deddeebii gaaffii yommuu goonu galmi keenya maalidha?
7 Deddeebii gaaffii gochuuf yeroo ramadanii qophaa’uun barbaachisaadha. Kana gochuun keenya gammachuu dabalataa kan nuuf argamsiisuu ta’uusaarrayyuu, namoonni ‘jireenya barabaraatiif qophaa’an’ karaa jireenyaarra akka deeman gargaaruuf mirga nuu argamsiisa.—HoE. 13:48, hiika bara 1899.
7. Akka gaariitti qophaa’uunkee qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf kan si gargaare akkamitti?