Namoota ‘Jireenya Bara Baraatiif Qophaa’an’ Gargaaraa
1 Namni hundi uumamasaatiin amala ta’e tokko qaba. (Mat. 12:35) Macaafni Qulqulluun, “garaa isaa keessa immoo lolatu jira” jechuudhaan waa’ee namoota lola kakaasanii nutti hima. (Far. 55:21) Tokko tokkommoo ‘ni dheekkamu.’ (Fak. 29:22) Haata’u malee, namoonni “jireenya barabaraatiifis kan qophaa’an” jiru. (HoE. 13:48, maxxansaa bara 1899 ) Yeroo haar’aa kanatti Yihowaan namoota qophaa’an kana garasaatti sassaabaa jira. (Hag. 2:7) Waaqeffattoota Yihowaa ta’uu akka danda’an isaan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?
2 Deddeebii Gaaffii Gochuuf kan Dammaqxan Ta’aa: Bartoota akka taasisnu ajaja nuuf kenname guutuufi deddeebii gaaffii gochuuf ilaalcha gaarii qabaachuun baay’ee barbaachisaadha. (Mat. 28:19, 20) Namoota fedhii qaban yoo arganne deddeebinee gaafachuuf dammaqoodhaa? Namoota barreeffama fudhatan ykn namoota yeroo ergaa misraachoo dhaga’an deebii gaarii kennan, deebinee ni gaafannaa? Karaa hafuuraa guddina akka argisiisan gargaaruuf carraaqqii goonutti ni cimnaa? Kun dhimma lubbuu waan ta’eef, namoota fedhii qaban argannaan fedhiisaanii guddisuuf carraaquu qabna.
3 Nama fedhii qabu tokko wajjin marii yoo goote ammayyuu kan yaadatu taanaan, yeroo fudhadhuutii, maqaasaafi teessoosaa barreessi. Waa’ee maalii akka mari’attan, caqasawwan kam akka dubbisteef, akkasumas barreeffama kenniteef hundaa galmeessi. Kana booda, daftee deebitee isa gaafachuuf murteessi.
4 Karaa Itti Deddeebinee Gaafannu: Yeroo deddeebii gaaffii gootu, haala michooma argisiisuufi miira ho’aadhaan dhihaachuun kee baay’ee si gargaara. Mariin keessan salphaafi kan Macaafa Qulqulluurratti hundaa’e akka ta’u godhi. Yaada Macaafa Qulqulluu miira kakaasurratti qophaa’i; dhumarratti gaaffii yeroo itti aanutti deebii argatu kaasi. Namni sun yaadawwan Macaafa Qulqulluurratti hin hundoofne yoo kaase isarratti yaada kennuudhaan mormii akka hin kaasne eeggadhu. Waan lachan keessan irratti waliigaltan irratti mari’achuuf yaali.—Qol. 4:6.
5 Deddeebi’anii gaafachuun carraaqqii gaafatuyyuu kan nama kiisudha. Qajeelchaan biyya Jaappaan jiru tokko, tokkoon tokkoon ji’aatti deddeebii gaaffii dabalataan gochuuf karoora baafate. Namoota tajaajila manaa gara manaa godheen argate hunda galmeessuu jalqabe; achiis, torban tokko keessatti deddeebi’ee isaan gaafate. Waan isaanitti himuu barbaadu akka gaariitti qophaa’uudhaan, ergaa kennameef abdachiisa guutuudhaan waliin ga’e. Deddeebii gaaffii godhe keessaa isa tokkorratti nama, “Namoonni keessan kanaan dura yeroo nahaasofsiisan fedhii hin qabu jedheen isaan deebisa ture. Kanan isin dhaggeeffadhe yeroo jalqabaafidha” jedhe tokkoo wajjin qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabeera. Qajeelchaan kun jaalalaan kaka’ee cimina argisiisuunsaa bu’aa gaarii argamsiiseera. Ji’a jalqabaarratti qayyabannaa Macaafa Qulqulluu 10 gabaaseera.
6 Haalli namoota yerootii gara yerootti ni jijjiirama. (1 Qor. 7:31) Nama fedhii qabu manatti argachuuf carraaqqii baay’ee gochuun barbaachisaadha. Deddeebi’anii gaafachuun rakkisaa ta’uuyyuu deddeebinee gaafachuun keenya, namoota jireenya bara baraatiif qophaa’an argachuu akka dandeenyu nugargaara.—Mat. 7:13, 14.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. Yihowaan yeroo keenya kanatti namoota akkamii sassaabaa jira?
2. Namoota bartoota taasisuuf ajajni nuuf kenname maal kan dabalatudha?
3. Tajaajilarratti nama tokko erga haasofsiisnee booda maal gochuu qabna?
4. Deddeebii gaaffii bu’a qabeessa ta’e gochuu kan dandeenyu akkamitti?
5. Qajeelchaan tokko carraaqqii akkami godhe, bu’aansaahoo maal ture?
6. Deddeebii gaaffii gochuutti cimuu kan qabnu maaliifi?