Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii
Gaaffileen kanaa gadi jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii torban Muddee 28, 2015 jalqabutti kan irratti mariʼatamani dha. Tokkoon tokkoon qabxiiwwanii irratti guyyaan itti mariʼataman itti dabalameera; kun immoo torban torbaniin yeroo mana barumsichaatiif qophaaʼamutti qorannaa gochuuf gargaara.
Akka namoonni tokko tokko 1 Seenaa 20:3 irratti hundaaʼanii dubbatanitti, Daawit boojiʼamtoota isaa irratti gocha gara jabinaa raawwateeraa? [Sad. 2, w05-AM 2/15 ful. 27]
Daawit arjummaa akka argisiisu wanti isa kakaase maali dha? Nuti hoo akkuma isaa gochuuf kan nu gargaaru maali dha? (1 Sen. 22:5) [Sad. 9, w05-AM 10/1 ful. 11 key. 7]
Daawit Solomooniin, “Waaqa abbaa keetii beeki” yeroo jedhu maal jechuu isaa ture? (1 Sen. 28:9, NW) [Sad. 16, w10-AM 11/1 ful. 30 key. 3, 7]
Kadhannaan Solomoon 2 Seenaa 1:10 irratti argamu waaʼee isaa maal argisiisa? Kadhannaa dhuunfaa gara Yihowaatti dhiheessinu qoruudhaan maal barachuu dandeenya? (2 Sen. 1:11, 12) [Sad. 23, w05-AM 12/1 ful. 19 key. 6]
Seenaa Isa Lammaffaa 6:29, 30 irratti akka ibsametti Yihowaan dandeettii addaa akkamii qaba? Wanta garaa keenya keessa jiru kadhannaadhaan isaaf ibsuu kan qabnu maaliifi? (Far. 55:22) [Sad. 30, w10-AM 12/1 ful. 11 key. 7]
Aasaan loltoota hedduu irratti injifannoo argachuuf kan kadhate maaliifi? Nageenya hafuuraa keenyaa wajjin haala wal qabateen amanannaa akkamii qabaachuu dandeenya? (2 Sen. 14:11) [Mud. 7, w12 8/15 ful. 8 key. 6–ful. 9 key. 1]
Yommuu Yoshaafaax dogoggora raawwatetti haalli Yihowaan dhimmicha itti qabe jaalala nuuf qabu kan mirkaneessu akkamitti? Kun hoo ilaalcha nuyi warra kaaniif qabnu kan tuqu akkamitti? (2 Sen. 19:3, hiika bara 1899) [Mud. 14, w03-AM 7/1 ful. 17 key. 13; cl ful. 294 key. 12]
Bara keenyatti ‘iddoo qabachuu’ fi ‘dhaabachuu’ kan qabnu maaliifi? Kana kan goonu hoo akkamitti? (2 Sen. 20:17) [Mud. 21, w05-AM 12/1 ful. 21 key. 3; w03-AM 6/1 ful. 21 key. 15-16]
Duʼa Yoraam wajjin haala wal qabateen 2 Seenaa 21:20 irraa akeekkachiisa cimaa akkamii arganna? [Mud. 21, w98-AM 11/15 ful. 32 key. 4]
Akka 2 Seenaa 26:5 irratti ibsametti, dargaggummaa isaatti Uziyaa irratti dhiibbaa gaarii kan godhe eenyu dha? Dargaggoonni yeroo harʼaa jiran hoo obboloota karaa hafuuraa gaʼeessota taʼanii fi gumii keessa jiran irraa faayidaa argachuu kan dandaʼan akkamitti? [Mud. 28, w07-AM 12/15 ful. 10 key. 2, 4]