BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAKKEENYA 12-16
Ogummaan Warqee Irra Wayya
Ogummaan Waaqayyoo gatii guddaa kan qabu maaliifi? Ogummaan namoota karaa hamaa irraa eegee lubbuudhaan akka jiraatan godha. Amala, dubbii fi gocha isaanii irratti dhibbaa gaarii geessisa.
Ogummaan of gurguddisuu irraa nama eega
Namni ogeessi Maddi ogummaa hundaa Yihowaa akka taʼe ni hubata
Keessumaa namoonni milkaaʼina ykn itti gaafatamummaa dabalataa argatan of gurguddisuu fi of bokoksuu irraa of eeguu qabu
Ogummaan wanta gaarii akka dubbannu godha
Namni ogeessi hubannaatti fayyadamee amala gaarii namoota kaanii kan beeku siʼa taʼu, waaʼee isaanii wanta gaarii dubbata
Dubbiin ogummaadhaan dubbatamu, kan nama amansiisuu fi akka dammaa kan miʼaawu dha malee jabaa ykn falmii kan kaasu miti